Veenzuweelaa keessatti hidhamtoonni 5,000 ol dhiifama haaraa jalatti bilisa bahaa jiru.

OFM:Gurraandhala.23/2026.Veenzuweelaa keessatti namoonni sababa siyaasaatiin hidhaman 1,500 ol dhiifama haaraa jalatti akka gadhiifaman iyyataniiru, kanneen dhibbaan lakkaa’aman ammoo kanaan dura gadhiifamuu isaanii qondaaltonni sambata darbe ibsaniiru.

Walumaagalatti hanga ammaatti namoonni 1,557 iyyataniiru jedhan Afyaa’iin Mana Maree Biyyaalessaa Joorji Roodriigeez.

Iyyannoowwan kunneen hatattamaan adeemsifamaa kan jiran yoo ta’u, mormitoonni, aktivistoonni fi gaazexeessitoonni dhibbaan lakkaa’aman mana hidhaatii bahuu jalqabaniiru.

Labsiin kun namoota mana hidhaa keessa jiran qofa osoo hin taane, namoota 11,000 kanneen hidhaa manaa ykn yeroo yeroon buufata poolisiitti akka gabaasan itti murtaa’e kan hammateedha.

Tarkaanfiin kun imaammata Veenzuweelaa waggoota dheeraaf “hidhamtoonni siyaasaa hin qaban” jedhu irraa akka fagaatutti ilaalama.

Labsiin kun kan ba’e ji’a darbe duula humna addaa Ameerikaatiin Pireezidaantii Niikoolaas Maaduroo qabamuu isaanii hordofeeti.

Pireezidaantiin yeroo Deelsii Roodriigeez labsii kana yeroo mallatteessan “kun tarkaanfii balbala siyaasaa hafuura wal danda’uu dhabuun cufame banuun daandii haaraa banuudha” jedhan.

Labsiin haaraan kun yakka hunda hin hammatu. Namoonni dhuunfaa ajjeechaa, daldala qoricha sammuu namaa hadoochu, sarbama mirga namoomaa hamaa fi fonqolcha waraanaatiin yakkaman dhiifama argachuuf ulaagaa hin guutan.

Hogganaan garee mirga namoomaa Fooro Penal Alfredo Romero miseensonni waraanaa fi namoota siyaasaa beekamoo labsii kana keessaa baasuun “loogii fi heera mootummaa kan cabsu” jechuun qeeqaniiru.

Itti dabaluunis, ”Isaan malee araarri biyyaalessaa waan hin yaadamneedha’n. jedhan.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *