US hoggantuu buufata waraanaa Giriinlaand Vaans ‘tuffachuu isaaniif’ hojiirraa ariite.
OFM:Muddee.12/2025-Hoggantuun buufata waraanaa Ameerikaa Giriinlaanditti argamuu, erga qeequmsa itti aanaa pirezidaanti JD Vaansiin Deenmaark irratti dhiyeessan irraa of fageessuuf iimeelii ergitee booda hojiirraa ari’amte.
Ajajni Hojii Hawaa waraana Ameerikaa akka jedhetti, Koloneel Suuzaana Meeyers sababa ”dandeettii geggeessuu isii irratti amantaa dhabuu isiitiin” gahee buufata hawaa Pituffik irraa kaafamte.
Ji’a darbe Vaans Deenmaark lammiilee Giriinlaandiif ”hojii gaarii hin hojjenne” akkasumas daangaa Deenmaark yeroo daawwatan nageennaaf baasii gahaan akka hin baafamne dubbatanii ture.
Imeelii jedhame kunis marsariitii oduu waraanaatiin kan bahe yoo ta’u, yaadni Vaansii buufata kana ”kan hin agarsiifne” akka ta’e hojjettootaaf ibseera.
Dubbi himaan Peentaagoon barruu kana wabeeffachuudhaan hoggansa Ameerikaa ”tuffachuun” akka hin obsamne dubbataniiru.
Daaw’annaa Vaans Bitooteessa 31hordofee, Kol Meeyers akkas jechuun barreessite: “Ani siyaasa amma jiru hubadheera jedhee hin fudhadhu, garuu wanti ani beeku yaaddoon bulchiinsa Ameerikaa itti aanaa pirezidaantii Vaansiin Jimaata darbe mari’ate kan Buufata Hawaa Pituffik agarsiisuu miti.”
Marsariitiin Military.com, kan iimeelii kana maxxanses, qabiyyeen kun sirrii ta’uun isaa Humna Hawaa Ameerikaatiin mirkanaa’uu ibseera.
Sababni hojiirraa ari’amuu qondaala tanaa kana ta’uu kan mirkaneessuuf, dubbi himaan ol’aanaa Peentaagoon, Siin Paarnel barreeffama Military.com walqabsiisuun barreeffama X irratti barreesseen: “Gochoonni kanneen hidhata ajaja kana diigu ykn ajandaa Pireezidantii Doanaald Tiraamp diigan Ministeera Ittisaa keessatti hin obsaman.”
Ibsi Humni Hawaa Kamisa darbe baaseen, Koloneel Meyers aangoo irraa kaafamuu beeysisuun, Koleneel Shaawn Lii bakka isii bu’aa jira jedhe.
Itti dabaluudhaanis: “Ajajoonni ulaagaa naamusaa ol’aanaa ta’e hordofuun irraa eegama, keessumaa hojii isaanii raawwachuun kan paartii kamuu wajjin wal-qabatu waan hin taaneef,” jedheera.
Koloneel Meeyers bara darbe ji’a Adooleessaa keessa ture kan ajajummaa buufata Arktiik kana fudhatan.
Koloneel Liin kanaan dura Buufata Humna Hawaa Qulqulluu Alaskaatti argamutti ajajaa iskuwaadroonii turan.
Vaans imala taasisaniin, Tiraamp sababa nageennaaf jecha Giriinlaand ofitti dabaluu akka barbaadanis irra deebi’anii dubbatuu miidiyaaleen gabaasuu irratti argamu.