Ministirri Haajaa Alaa Iraan marii dhimma niikuleeraa US waliin godhamuuf Omaan galan.
OFM:Muddee.12/2025-Abbas Araachii televizhinii Iraan waliin haasaa godhaniin marii US waliin Dilbata gaggeeffamu irraa ”waliigaltee haqaa” akka barbaaddu dubbatan.
Pireezidaantiin US Doonaald Tiraamp ji’a darbe karaa UAE hoggana ol’aanaa Iraan Ayaatolaa Ali Haminiif xalayaa erganii ture.
Xalayicharratti Iraan gabbisa meeshaa niikuleeraa isii akka dhaabduufi haleellaa US fi Israa’el irraa akka eegamtu ibsan.
Mariin kun yeroo dhiyoo as isa jalqabaati jedhamus qondaalonni biyyoota lamaanii kutaa tokko keessa taa’anii mari’achuuf ta’uun isaa hin mirkanoofne.
Ministirri Iraan of duukaa ogeeyyii dhimma niikuleeraafi kanneen muuxannoo marii qaban ta’uu eeraniiru.
Warri US faara waliigaltee lamaaniinuu fudhatama argatuuf qophaayanii dhufnaan bu’uura waliigaltee waaraaf ta’u kaahuun akka danda’amu dubbatuu Maddeen gabaasuu irratti argamu.
Ammoo mariin kun fuulaa-fuulatti (wal fuuldura) taa’anii isa mari’atan ta’uu dhiisuu akka danda’u akeekaniiru.
Garee Ameerikaa kan bakka bu’an Baha Jidduugalaatti ergamaa addaa kan ta’a Istiiv Witkoofi.
Wiixata darbe masaraa isaaniirraa ibsa kan kennan Donaald Tiraamp Mariin Omaan kun ”guddaadha” jedhan.
Itti dabaluunis Tiraamp ammoo marichi yoo milkaahuu baate Iraaniif guyyaa badaa ta’a” jechuun kan akeekkachiisan.