Puutiin “Dargaggoonni hundi gara adda waraanaa Biyya Abbaa Raashiyaa ykn du’aatti” jechuun waamicha godhan.OFM:Onkoloolessa.02/2025-Miseensota NATO waliin wal dhabdee keessa kan jirtu Raashiyaan, abbaa biyyummaa isii kabachiisuuf wixinee waraanaa seenaa isii keessatti isa guddaa ta’e eegalte.

Birraa fi birraa hunda dargaggoota tajaajila waraanaaf kan qopheessitu Raashiyaan, bara 2016 irraa eegalee waraana idilee birraa biyyattii keessatti galmeessisuun dhiirota kuma 135 waamtee jirti.

Biyyoonni dhihaa fi Ameerikaan Yukireenif wayita dhiyeessii fi meeshaa waraanaa kennuu itti fufanii jiranitti, Vilaadmiir Puutiin dhiirota umriin isaanii waggaa 18 hanga 30 ta’an 135,000 tajaajila waraanaa biyyattiitti akka makamaniif ajaja kan dabarsan.

Puutiin labsii wiixata darbe baasaniin lammiileen Federeeshinii Raashiyaa 135,000 Onkoloolessa 1 hanga Muddee 31, 2025tti waraana akka seenan ajajaniiru.

Puutiin dheengadda galgala haasawa marsariitii Kremlin irratti taasisaniin humnoonni isaanii Yukireen irratti “waraana haqaa” jedhanii waaman injifataa akka jiran dubbataniiru.

Qabsaa’onni fi ajajoonni keenna guddummaa biyya isaanii kunuunsuu fi weerartoota isii balleessuuf dhama’an injifachuuf qabsaa’aa fi ciminaan hojjetaa jiru jedhan.

”Jaalala Biyya Haadhaa fi hiree seena qabeessa keennaaf qabnu falmaa fi injifataa jirra,” jedhan pirezidaantichi.

Erga Gurraandhala 2022 Yukireen weeraranii booda nageenna isaaniif dursa ol’aanaa kan kennan Puutiin, Raashiyaa humna guddaa taasisuuf jecha baasii waraanaa bara Sooviyeet irraa eegalee sadarkaa hin mul’annetti guddisaniiru.

Waggaa waggaan dhiirota mana barumsaa ykn kolleejjii irraa eebbifaman Ebla hanga Adoolessaa jidduutti tajaajila waraanaaf kan waamtu Raashiyaan gara waggoota kurnan keessatti wixinee waraanaa isii guddaa argamee hin beeyneedha jedhame.

Xiyyaaronni waraanaa Raashiyaa Istooniyaa seenanii xiyyaaronni waraanaa NATOn erga cufamanii booda Puutiin gara kutaalee Awurooppaa Dhihaa birootti ce’uu akka danda’u yaaddoon guddataa dhufeera.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaas Kiibxata galgala naannoo magaalaa baha Donetsk lama Shaandryholov fi Zaryk to’achuu isaa ibseera.

Ministirri Ittisaa Andiree Beeloosoov ibsa baaseen Waraanni Diimaa tarkaanfii ”ija jabinaafi murteessaa” naannoo kana deebisee fudhachuuf fudhateef baga gammaddan jechuun Moscow Times fi Daily Mail gabaaseera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *