Kaanaadaan Itiyoophiyaa dabalatee Lammiileen isii gara biyyoota Baha Afrikaa imala hin taasisne akeekkachiiste.

OFM:SADAASA.17/2025.Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Baha Afrikaatti lammiileen Kaanaadaa akka hin imalle ministirri dhimma Alaa Kaanaadaa Anitaa Anaandi akeekkachiisa kennaniiru.

Haala nageennaa Baha Afrikaa keessatti deemaa jiru ilaalchisuudhaan ministirri dhimma Alaa Kaanaadaa Anitaa Anaandii ibsa baasaniinammileen Kaanaadaa Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Baha Afrikaa kanneen akka Eritiriyaa Somaaliyaa, Keeniyaa fi Suudanitti imaluu akka hin qabne akeekkachiisan.

Ministirri Dhimma Alaa Kaanaadaa haala Nageennaan alattiis Itiyoophiyaatti dhibeen haaraan waan mul’ateef Lammiileen Biyyattii yeroof Itiyoophiyaa gadi lakkistanii akka baatan jechuudhaan ajajaniiru.

Torbee kana keessa ministirri dhimma Alaa biyya Ingiliz Lammiileen Ingiliz hatattamaan Ertiraa gadhiisanii akka bahan jechuun ajaja kennuun isaa kan yaadatamuudha.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *