Raashiyaan bu’uuraalee annisaa Yukireen haleeluu dhaabuu fudhattee, guutummaatti dhukaasa dhaabuu garuu didde.OFM:Sadaasa.19/2025-Pireezdaant Viladimir Puutin Yukireen keessatti dhukaasa hatattamaa fi guutuu ta’e dhaabuu didanii, garuu ammoo haleellaa bu’uuraalee anniisaa irratti raawwatamu dhaabuuf qofa waliigaluu isaanii haasawa bilbilaan Doonaald Tiraamp waliin taasisaniin beeysisan.Hogganaan Raashiyaa kun dhukaasa dhaabuu bal’aa ji’a tokkoof turu kan gareen Tiraamp dhiheenna kana bakka bu’oota Yukireen waliin Sa’ud Arabiyaatti dhiyeessanii turan mallatteessuu didan.Waraanni hunda galeessa ta’e hojjiirra ooluu kan danda’u yoo qarqaarsi waraanaa biyya alaa fi odeeffannoo basaasaa Yukireen waliin qooduun dhaabbate qofa jedhan. Michoonni Yukireen Awurooppaa kanaan dura haal-duree akkasii didanii ture.Mariin Ameerikaan waa’ee Yukireen irratti taasiftu Dilbata dhufu Sa’uud Arabiyaa Jiddaa keessatti akka itti fufuu ergamaan Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa Istiiv Wiitkoof ibsaniiru.Waraana waggoota sadiif gaggeeffamaa turen, Raashiyaan dhiheenna keessa daangaa naannoo isii Kursk kan ji’a jaha dura waraanni Yukireen qabame deebiftee dhuunfataa jirti.Hoggantoonni lamaan mariin nagaa dabalataa saffiisaan Baha Giddu Galeessaa keessatti akka gaggeeffamu waliigalan illee, bu’aan marii bilbila Donaald Tiraamp fi Puutiin Kiibxata kaleessaa taasisanii ejjennoo Ameerikaan torban tokko dura ture irraa duubatti kan deebi’e ta’uu agarsiisa jedha gabaasni BBC.Jilli Ameerikaa Kiibxata darbe Jiddaatti gita Yukireen waliin yeroo wal arganitti, Kiiv yaada dhukaasa dhaabuu guyyoota 30f ”hatattamaa” lafa, qilleensaa fi galaanaa guutuu akka waliigaltu amansiisanii ture.Mariin bilbilaa Tiraamp fi Puutiin akkuma xummurameen yeroo muraasa booda Kiibxata darbe daawwannaadhaaf Finlaandi Helsinki kan dhaqqaban pireezidaantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiin yaada dhukaasa dhaabuu bu’uuraalee anniisaa jedhuuf banaa ta’uu ibsuun, garuu dursa dhimmicharratti bal’insaa dabalataan akka barbaadan himan.Boodarra haleellaa diroonii Raashiyaa hedduu hordofuun Puutiin dhukaasa dhaabuu dide jechuun himatan.Eddoowwan haleellaa diroonitiin irratti xiyyeeffataman keessaa hospitaala Sumii fi dhiyeessii anniisaa Slovyansk keessatti kan argamu akka ta’e hogganaan Yukireen himaniiru.”Wanti nama dhibu, keessumaa bu’uuraalee misoomaa siiviilii irratti haleellaan raawwatameera,” jechuun Zeleniskiin fuula X irratti dubbatan. “Har’a Puutiin yaada dhukaasa guutuummaan dhaabuuf dhihaate dideera.”Tiraamp jalqabarratti karaa miidiyaa hawaasaa irratti mariin bilbilaa hogganaa Raashiyaa waliin taasisaniin ”baay’ee gaarii fi bu’a qabeessa” ta’uu himuudhaan, ”qaamonni Waliigaltee Nagaa hedduu irratti mari’atameera” jechuun maxxansanii ture.”Dhukaasa dhaabuu Guutuufi dhumarratti, Waraana baay’ee suukaneessaa Raashiyaafi Yukireen jidduu jiru kana dhaabuuf saffisaan akka hojjennu hubachuudhaan, Annisaafi Bu’uuraalee misoomaa hunda irratti hatattamaan dhukaasa dhaabuuf waliigallerra,” jechuun pireezidaantiin Ameerikaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti barreessan.Bu’uuraaleen anniisaa Yukireen gara %80 boombii Raashiyaan barbadaa’uu isaanii Zeleniskiin baatii Fulbaana darbe ibsaniiru.Kiiv gama isiitiin gadi fageennaan naannoo Raashiyaa keessa, dhaabbilee boba’aa fi gaazii irratti haleellaa diroonii fi misaa’elaa raawwatteetti.Puutiin bu’uuraalee anniisaa haleeluu dhaabuudhaaf erga waliigalanii sa’aatiiwwan muraasaan booda Raashiyaa fi Yukireen haleellaa qilleensaa raawwachuudhaan wal himatan.Zeleniskiin Raashiyaan marii bilbilaa Donaald Tiraampiin waliin taasifameen sa’aatiiwwaniin booda haleellaa diroonii 40 Yukireen irratti raawwachuu dubbatan.Gama biraatiin ammoo, qondaaltoonni bulchiinsa kibba Raashiyaa Kiraasniidaar keessaa, haleellaan diroonii Yukireen raawwattee kuusaa boba’aa irratti ibidda muraasa kaasee akka ture himan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *