Dhaabbata Mootummoota GamtoomaniittiDhaabbanni Ittisa Dhibee HIV/AIDS qarqaarsi maallaqaa akka isa feesisu hime.OFM:Sadaasa.26/2025-Dhaabbanni Ittisa Dhibee HIV/AIDS ‘UNAIDS’ Ameerikaan deeggarsa maallaqaa hin taasistu taanaan Addunyaarra Waggaa afran dhufan keessatti namoonni Miiliyoona 6.3 du’uu malu jedhe.Pireezidaant Donaald Tiraamp wayita aangootti deebi’an deeggarsa USAID addaan akka cituuf ajaja dabarsuun isaanii kan yaadatamuudha.Daarektarri olaantuu ‘UNAIDS’ Winie Byanyima du’aatii namoota HIV/AIDSiin dhiiga isaanii keessatti argamu bara 1990 hanga bara 2000 dachaan dabaluu mala jedhaniiru.Bara 2023’tti namoonni Kuma 600 HIV/AIDSiin du’uu yaadachiisaniiru.Biyyooni Afrikaa tokko tokko HIV/AIDS ittisuuf imaammata ofii baasanii socho’aa jiranis, deeggarsi US addaan cituu isaatiin lammiilee Afrikaa HIV/AIDSiin dhiiga isaanii keessatti argamuuf qormaata cimaa ta’uu mala jedhame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *