Poolisiin bu’aa qorannoo reenfaa du’a Qananii irratti mana murtiif dhiheesse.OFM:Sadaasa.26/2025-Du’a shamarree Qananii Addunyaatiin wal qabatee shakkamuun too’annoo jala kan jiru kaadhimaan isii weellisaa Andua’aalam Gosaa torbee lamaan dura mana murtiitti dhihaachuun poolisiin yeroo qorannoo dabalataaf guyyoota 14 itti gaafatee ture.Manni murtiis yeroo qorannoo poolisiin gaafate kana keessaa guyyaa 13 heeyyamuun ture Beellamni Guyyaa har’aa’tti kan qabate.Du’a shamarree Qananiin kan shakkame Welliisaa Andu’aalem uffata gaddaa uffachuun mana murtii sadarkaa jalqabaa Federaalaa Ramaddii Araadaatti dhihaateera. Maatiin miidhamtuu kanaa fi namoonni hedduunis dhadhacha har’aa kanarratti argamuu maddeen gabaasaniiru.Poolisiin guyyoota dabalataa fudhadhe jedheen bu’aa qorannoo reenfa shamarree Qananii, bakka balaan itti gahee fi ragaalee dabalataa walitti qabuu mana murtichaa irratti hime.Itti dabaluunis Qorannoo reenfaa taasifameen miidhamtuun kun olka’insa irraa kuftee lubbuun darbuu akeekee jedhe. Ta’u illee qorannoon dabalataa kanaan wal-qabatu akka taasisu poolisiin hime.Gama biraatiin bakka balaan kun itti muudatetti saamuda fudhachuun qorannoo foorensiikiitiif poolisii federaalaatti erguu fi bu’aan qorannoo kanaa ammo akka hin dhaqqabneef itti dabaluun himeera.Kana malees, bu’aan qorannoo bilbila harkaa shakkamaa irratti taasisaa jirus akka hin ggeenne himee jira poolisiin.Kanaaf jecha poolisiin qorannoowwan dabalataa na-hafan jedhu taasisuun xummuruu fi kanneen saamudni ergame akka dhaqqabuuf yeroon dabalataa akka kennamuuf mana murtii gaafate.Abukaatoon Andu’aalem gamasaaniin bu’aan qorannoo reenfaa dhihaate miidhamtuun olka’insarraa kuftee du’uu malee maamila isaaniin ajjeefamuu ragaan mul’ise hin jiru jechuun falman.Kana malees, ragaaleen dabalataa poolisiin qorataa jiru dhaabbilee akka hospitaalaa, Nageenna biyyaalessaa fi poolisii federaalaa harka jiran Waan ta’eef shakkamaan Yoo wabiin bahe ragaan miliksuu danda’u hin jiru jedhan.Poolisiin gamasaatiin shakkamaan yoo wabiin bahe ragaalee namaa poolisiin qopheessaa jiru yaada jijjiirsisuu Waan danda’uuf shakkamaan kuni wabiin bahuu hin qabu jechuun dhadhacharrati falme.Manni murtichaas falmii gama lamaanii erga dhagaheen booda poolisiin ragaalee qorannoo na hafan jedhu akka dhiheeffatu guyyoota 12 dabalataa heeyyameera.Mirga wabii abukaatoon gaafate kufaa gochuunis Bitootessa 29, bara 2017 beellama qabateera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *