Kooriyaa Kibbaatti Ibbiddi ‘hamaan wayita muudatetti’ helikooptarri kufee caccabe.
OFM:Sadaasa.26/2025-Akka odeeffannoo dhiheenna kana Ministeera Biyya Keessaa fi Nageennaa Kooriyaa Kibbaa irraa argame mul’isetti, ibiddi bosona Kooriyaa Kibbaa keessatti muudateen yoo xiqqaate namoonni 18 du’anii kanneen 19 ta’an ammoo miidhaan irra gaheera.
Rakkoon ”kun kanaan dura biyyattii muudatee kan hin beeyne” yoo ta’u ammallee cimee itti fufee jira jedhan itti aanaan pireezidaantii Haan Daak-soo, itti dabalunis, ibiddi kun ”seenaa saba keennaa keessatti ibidda bosona isa hamaa ta’eefi galmee haaraa irra deebiin barreessaa jira” jedhan.
Manni qulqullummaa Budiistotaa umurii waggaa 1,300 ol qabu dabalatee, namoonni kuma 23 ol baqachuufi iddoowwan hambaalee aadaa hedduun miidhamaniiru.
Helikooptarri ibidda dhaamsaa ture tokko Roobii walakkeessa guyyaa keessa gaarreen kutaa biyyaa Uiseong keessatti kan kufe yoo ta’u, qondaaltonni sababa isaa qorataa jiraachuun himame.
Namoonni ibidda dhaamsan kumaatamaan lakka’amaniifi miseensoonni waraanaa 5,000 ta’an akkasumas hilikoptaroonni waraana US Kooriyaa keessa buufatan ibidda kana dhaamsuudhaaf bobbaafamaniiru.
Guyyaa Kiibxataa, ejjansiin balaa ibidda biyyaaleessaa balaa muudate gara sadarkaa balaa ibidda ol’aanaatti kan ol kaasee yoo ta’u, kunis bara kana keessa akeekkachiisfin akkasi yoo baafamu kun kan jalqabaati.
Ibiddi bosonaa akkanaan badii lubbuu namootaa qaqabsiise Kooriyaa Kibbaa keessatti kan baayyee hin baramne yoo ta’u, taatee ibida tibbana biyyatti muudateen guyyoota darban muraasa keessatti namoonni 18 lubbusaanii dhabaniiru.
Kanaanis balaa ibiddaa seenaa biyyattii keessatti isa balaafamaa ta’e jedhameera.
Kana malee ibidda kanaan Bosona gara heektaara kuma 17 ta’u barbadeessuu isaatti, ibiddi kun seenaa Kooriyaa Kibbaa keessatti bal’ina lafaa barbadeesseen sadarkaa sadaffaa irratti kan argamu ta’uu ibsame tahuu Miidiyaaleen gabaasaa jiru.