Mohaammad Saalaan Liivarpuul keessatti akkan hin simatamne natti dhagahama jedhe.
OFM:Muddee07/2025.Mohaammad Saalaa Piriimiyerliigii Ingiliiz keessatti tapha sadaffaa walitti aansuun teessoo jijjiirraa irratti argamuusaatiin akka mufate dubbateera.
Sagantaa liigii torbee 15ffaa irratti Liivarpuul Liids Yunaayitid waliin 3 fi 3n erga qixa bahee booda taphataa sarara fuulduraa lammii Masrii kun yaada kenneen kilabichaan akka dhiibamee fi akka hin simatamne akka itti dhaga’ame dubbatee jira.
Mohaammad Saalaah Atoobisii jalatti akka darbatame akka itti dhaga’amu dubbateera jedha rippoortarri BBC Niil Joonstoon.
Taphataan waggaa 33 kun hariiroon leenjisaa Arn Slott waliin qabus walxaxaa akka ta’e ibseera.
Seenaa Piriimiyerliigii Ingiliiz keessatti galchii 190 lakkoofsisuun sadarkaa 4ffaa kan ta’e Mohaammad Saalaa, “Liivarpuul bu’aa dhabuu isaatiin akkan komatamu kan barbaadu jira.”jedha.
Irra deddeebiin hogganaa kana waliin hariiroo gaarii akka qabu kan dubbate Saalaah, wanti hundi akka jijjiirame ifa godheera.
Maaliif akka ta’e akka hin hubanne dubbateera, garuu namni kilabicha keessa akka turu hin barbaanne akka jiru itti dhaga’amuu ibse.
Saalaah dorgommii mara irratti galchii 248 galchuun Ian Rush fi Roger Hint aanuun
kilabii Merseyside sadarkaa sadaffaa irratti kan argamuudha.
