YouTuber’ beekkamaan ‘IShowSpeed’ Finfinnee seene.

OFM:Amajjii.13/2026.‘YouTuber’ Ameerikaa beekkamaan ‘IShowSpeed’ yookaan Daaren Waatkiins Finfinnee daawwatee jira.

Hordoftoota miiliyoona 100 fi miiliyoona 50 ol kan qabu Daaren Waatkiins, Finfinnee wayita daawwatu kanatti bakkeewwan adda addaatti simannaa ho’aan taasifameefii jira.

Dargaggeessi ganna 21 Lammii Ameerikaa Daaren Jeesan Waatkiins Juuniyeer, biyyoota Afrikaa 20 daawwachuudhaan seenaa fi aadaa Afrikaa addunyaatti beeysisaa jira.

Ministirri Tuuriizimii Salaamaawit Kaasaa Yaadannoo Adwaatti argamuun simataniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *