Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araqichi akka jedhanitti, jeequmsi biyyattii keessatti uumame ”guutumaan guututti to’annoo jala ooleera” jedhan.
OFM:Amajjii.12/2026.Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araqichi jeequmsa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti ka’e hordofuun ibsa kennaniin, haalli nageennaa biyyattii yeroo ammaa “guutumaan guututti to’annoo mootummaa jala jira” jechuun beeysisaniiru.
Akka gabaasa Aljazeeraatti, ministirichi ibsa kana kan kennan mormii fi walitti bu’iinsi magaalota adda addaa keessatti ka’e akka hir’ate agarsiisuufi.
Araqichi itti dabaluudhaan humnoonni nageennaa fi dhaabbileen siiviilii biyyattii hojii idilee isaanii raawwataa akka turan ibsuun, humnoonni alaa dhimma keessoo biyyattii keessa seenuudhaan jeequmsa kaasuuf yaaluun himataniiru jechuun Rooyitars gabaaseera.
Haa ta’u malee, BBC’n fi maddeen oduu biyyoota dhihaa biroo akka gabaasanitti, tajaajilli intarneetii ammallee kutaalee Iraan tokko tokkotti addaan citee akka jiruu fi darbee darbee walitti bu’iinsi akka muudatu himaniiru.
Gama biraatiin ammoo Tehranii fi magaalota gurguddoo biroo keessatti sochiin daldalaa fi geejjibaa gara idileetti deebi’aa jiraachuu AFPn gabaaseera.
Haa ta’u malee, aanga’oonni Iraan ”warra rakkina uumu” to’annaa jala oolchuuf tarkaanfii cimaa fudhataa akka turan ejensiin oduu ofiisaa biyyattii IRNA gabaaseera.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link arm
