Humnaan qabsoon godhamu Ameerikaa fi Deenmaark jidduutti hammaataa dhufe.
OFM:Amajjii.14/2026.Gaaffiin Ameerikaan Giriinlaandiin naannoo mataa isii akka taasiftu haaromtee jirtu hoggantoota Deenmaarkii fi Giriinlaandii biratti mormii cimaa uumuun waldhabdee waraanaa Arkitik keessatti uumame sadarkaa haaraatti dhiibee jira.
Wanti yeroo tokko akka qoosaatti ilaalamaa ture; amma lola waraanaa fi dippilomaasii ifatti geggeeffamaa jira.
Deenmaark erga Waraana Qorraatii jalqabee imaammata waraanaa cimaa qabdu irra deebitee mirkaneessitee, paartiin kamiyyuu, yoo michuu dhiyoo ta’e illee, Giriinlaandi weerare, waraanni Deenmaark haal-duree ykn ajaja siyaasaa malee tarkaanfii waraanaa hatattamaa akka fudhatu ajajjee jirti.
Ministirri Muummee Deenmaark Mette Frederiksen tarkaanfiin waraanaa Ameerikaan Giriinlaanditti fudhatu kamiyyuu jalqaba xummura waliigaltee NATO ta’a jedhan.
Waayit Haawus gama isaatiin dhimmicha itti dhiyeennaan hordofaa kan ture yoo ta’u, Giriinlaandi to’achuun nageenna biyyaalessaa Ameerikaatiif aantummaa akka qabu ibseera.
US biyyi odola kanaa sochii Raashiyaa fi Chaayinaan Arktik keessatti taasisan akka daangessitu,Cabbiin baquu hordofee daandii doonii daldalaa haaraa banamu akka to’attu, qabeenna uumamaa bal’aa achitti argamu akka qabaattu akka barbaaddu amanama.
Hoggantoonni Giriinlaandi biyyi isaanii gurgurtaaf ykn weeraraaf banaa akka hin taane cimsanii ibsanis, US dhimma kana karaa kamiinuu xummuruuf qophii ta’uun isii naannicha balaadhaaf saaxilee jira.
Waldhabdeen kun karaa dippilomaasiitiin xummurama moo waldhabdee waraanaa ifa ta’etti nama geessa gaaffiin jedhu xiyyeeffannoo addunyaa hawwateera.
Naannoon Arktik bakka tasgabbaa’aa ta’uu dhiisee biyyoota humna qabaniif dirree waraanaa ta’eera jedhu Xiinxaltoonni.
