Konkolaattonni elektirikii Chaayinaa Ameerikaa Kaabaa seenuun falmii haaraa kaase.

OFM:Amajjii.19/2026.Murtee Kaanaadaan konkolaattota elektirikii Chaayinaa (EV) biyya isii akka seenan hayyamuuf murteessite US’f ”baay’ee yaaddessaa fi rakkoo qabaachuu” Washingitan beeysisteetti.

Akka qondaaltonni Ameerikaa jedhanitti, Kaanaadaan konkolaattota elektirikii Chaayinaaf balbala isii banuun isii gabaa konkolaataa Ameerikaa Kaabaa jeequu mala.

Ameerikaan deeggarsa mootummaan Chaayinaa dhaabbilee isiif kennu dorgommii gabaa haqa qabeessa hin taane uumuunsii yaaddoo keessa jirti.

Daldala bira darbee US teknooloojiin konkolaattota elektirikii ammayyaa Chaayinaa keessatti hojjetaman keessatti fayyadaman ”balaa nageenna biyyaa” ta’uu ibsiteetti.

Waashingitan konkolaattonni kunneen dandeettii daataa walitti qabuu qabaachuun isaanii yaaddoo keessa jirti.

Kaanaadaan gama isiitiin jijjiirama qilleensaa ittisuuf oomishni Chaayinaa barbaachisaa ta’uu fi lammiilee ishee konkolaataa elektirikii gatii madaalawaa ta’e dhiyeessuuf daandii hordofaa jirti.

Kun imaammata Ameerikaan hariiroo daldalaa Chaayinaa waliin qabnu “decoupling” jedhu waliin wal faallessa.

US dhimmicha itti dhiyeennaan hordofaa jirti, murtoon Kanaadaa kun Waliigaltee Daldala Walabaa Ameerikaa Kaabaa (USMCA) cabsuu danda’a jetteetti.

Kanaadaan murtee isii yoo duubatti hin deebisne US sakatta’iinsa daangaa ykn taarifa dabalataa fudhachuu akka dandeessu akeekteetti.

Taatee kun qormaata tumsa daldalaa michoota dhiyoo lamaan jidduu jiru qofa osoo hin taane, dhiibbaa Chaayinaan damee konkolaataa elektirikii irratti addunyaa irratti qabdu ifatti kan agarsiisuudha.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *