Ispeen balaa baaburaan namoonni heddu jalaa du’uu hordofee gadda guyyaa sadii labsite.
OFM:Amajjii.20/2026.Balaa baaburaa muudateen yoo xiqqaate namoonni 40 du’uu hordofee Ispeen guyyaan gaddaa sadi labsite.
Ministiirri Muummee Ispeen Peediroo Saanchees guyyaa gaddaa biyyaalessaa sadi labsan.
Dilbata darbe kibba Ispeenitti balaa baaburaa muudateen yoo xiqqaate namoonni 40 du’anii, 120 kan ta’an ammoo mada’aaniiru.
Baabburri gara magaalaa Maadriid deemaa ture Adamuuz keessatti karaa irraa maquun baabura biraa waliin walitti bu’uuni balaan cimaan kun kan mudate.
Ministiirr Muummee biyyattii Peediroo Saanchees guyyaan gaddaa biyyaalessaa labsamuu ibsuun dabalatatti sababa balaa mudatees akka qoratamu beeysisan.
Ispeen keessatti waggoota heddu booda balaan tiraafikaa mudate kun isa cimaadha jedhame.
Peediroo Saanchees bakka balaan itti mudatetti agamuun gaddasaanii ibsataniiru. “Kuni lammiilee Ispeen hundumaaf, guutummaa biyya keennaaf guyyaa gaddaati,” jechuun dubbatan.
