Chaayinaan meeshaa humna guddaa qabu kan galaana jalaa kutaa keebilii kan tiraafikaa interneetii addunyaa %95 hir’isuu danda’u ifoomsite.

OFM:Oduu Muddee 01/2025.Chaayinaan meeshaa humna guddaa qabu kan galaana jalaa kutaa keebilii nageenna saayibarii addunyaa fi tasgabbii idil-addunyaa balaadhaaf saaxiluu danda’u ifoomsiteetti.

Meeshaan kun keebilii doonii bishaan jalaa sibiilaan uwwifame kan tiraafikaa intarneetii addunyaa %95 fe’u addaan kutuu danda’a jedhamee kan himamu yoo ta’u, Jddugala Qorannoo Galaana Chaayinaatiin kan hojjetameedha.

Meeshaan haaraan kun gadi fageenna hanga meetira 4000’tti hojjechuu kan danda’u yoo ta’u, keebiloota kana muruuf kutaa daayimandiin dibame fayyadama.

Akka ofiisaatti nageenna galaanaa fi qabeenna baasuuf kan qophaa’e ta’us, naannoo bakkeewwan tarsiimoo kan akka Guwaamitti itti fayyadamni waraanaa ta’uu danda’u ogeeyyii ittisaa biratti yaaddoo uumeera.

Dandeettiin meeshaan kun doonii bishaan jalaa dhoysaan bobbaasuu danda’uun isaas akka bu’aa teeknooloojiitti fudhatamus, akka

balaa sodaa tarsiimootti ilaalama.

Saayintistoonni Chaayinaa kaayyoo nagaatiif akka ta’e yoo dubbatan iyyuu, bu’uuraaleen intarneetii addunyaa baay’inaan keebilii galaana jalaa irratti waan hirkataniif, kaayyoon meeshaa kanaa lama ta’uun isaa bu’uuraalee doonii bishaan jalaa irratti haleellaan akka raawwatamu sodaa uumeera.

Yeroo waldhabdeen ji’oopoolitikaa addunyaa guutuutti dabalaa jiru kanatti guddinni teeknooloojii kun madaallii humnaa addunyaa fi saaxilamummaa balaa addunyaa keenna walitti hidhame jijjiiruu danda’uu agarsiisa jedhameera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *