Suudaanitti haleellaan magaalota, iddoowwan gabaa fi manneen barnootaa irratti raawwate namoota dhibbaan lakkaa’aman galaafate.

OFM:Mudddee.09/2025.Waraana waliinii Suudaan keessatti haleellaa qilleensarraan raawwatuun manneen jireennaa, iddoowwan gabaa, manneen barnootaa fi iddoowwan baqattoonni qubsiifaman hedduu manca’uu fi kanaanis lammiileen nagaa 1,700 caalan ajjeefamuu qorannoon mul’iseera.

Jaarmiyaan qorannoo bal’aa gaggeesse kun Suudan Witness Project jedhama. Erga waraanni Suudaan Ebla 2023 eegalee haleellaa qilleensarraan raawwateen badii dhaqqabe ifoomse.

Gabaasni kun humni qilleensaa itti gaafatamummaa fi of eeggannoo tokko malee boombii dhukaasuun uummata nagaa gaaga’uu akeekeera.

Bu’aan qorannoo kanaa waraanni Suudaan akka fedhetti oppireeshinii gaggeessuuf humnaa fi dandeettii qabaataa akka turee fi humni addaa- RSF ammoo humna qilleensaa akka hin qabne akeekus, garuu lameenuutti balleessaa mureera.

RSF lixa Suudaan, Daarfuur keessatti uummata nagaa jumlaan fixuun sadarkaa addunyaatti himatameera.

Akka qorannoo kanaatti Ebla 2023 hanga Adoolessa 2025tti Suudaan keessatti haleellaan qilleensaa 384 raawwateera.

Kanaanis lammiileen nagaa 1,700 yoo ajjeefaman, 1,200 kan ta’an ammoo madaa’aniiru.

Haleellaawwan kanneen keessaa 135 manneen jireenyaa irratti kan xiyyeeffataniidha, manneen fi bu’uuraaleen misoomaa boombiidhaan barbadaa’aniiru.

Boombiin 35 jiddugala gabaa fi bu’uuraalee misoomaa gabaa mancaasaniiru.

Haleellaawwan 19 ammoo jiddugala eegumsa fayyaa hedduurratti raawwataman.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *