Pireezidaantiin Turkiyaa Recep Tayyip Erdogaan Galaanni Gurraachi weerara kamirraayyuu bilisa akka ta’u gaafatan.
OFM:Muddee.14/2025.Waldhabdeen Galaana Gurraacha keessatti uumamu naannicha tasgabbii kan dhabsiisu yoo ta’u, Raashiyaas ta’e Yukireen faayidaa kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Ankaaraan ibsa kan kennite erga Raashiyaan doonii Turkii Galaana Gurraacha Yukireen irraa fagaattee kuffiftee booda.
Haleellaan kun kan raawwatame Erdogaan dhimma kanarratti Puutiin waliin Turkmenistaan keessatti erga mari’atee booda.
Puutiin fi Erdogaan waraana Raashiyaa fi Yukireen, akkasumas waldhabdee Galaana Gurraacha furuu irratti marii bal’aa taasisaniiru jedhameera.
Erdogaan gara fuulduraattis waraana kana karoora nagaa Tiraamp fi Puutiin waliin mari’achuuf abdii qaba jedhan.
Waliigalteen nagaa fagoo miti jedhan pireezdaant Erdogaan.
Akka Dhaabbanni Oduu Turkiyaa gabaasetti,
Ankaaraan waraana Raashiyaa fi Yukireen karaa nagaa furuuf yaalii gochaa turte, irra deddeebiin bakka bu’oota biyyoota lamaanii jidduu seenuun akka ta’e hubatamuu qaba.
