Namni hidhattoota Awustiraaliyaatti namoota ajjeesan keessaa tokkorraa qawwee butuun leellifamaa jiru badhaafame.

OFM:Muddee.15/2025.Ahmad al Ahmad gootummaa agarsiiseen maallaqni deeggarsaa walitti qabamaafi jiru dolaara kuma dhibbaan lakkaawama.

Kanneen deeggarsa maallaqaa kennan keessaa tokko biliyeenarii beekamaan Biil Akmaan yoo ta’u, inni dolaara 100,000 kenne. Deggarsi maallaqaa dinqisiifattoota isaatiin itti fufee jira.

Ahmad al Ahmad ofii bakka lama rasaasaan rukutamee hospitaalatti waldhaansa argataa jira.

Bakka waldhaansa argataa jirutti bulchaan Niiw Saawuz Weels Kiriis Miins dabalatee aangawoonni daawwachuun dinqisiifataa jiru. “Ahmad goota dhugaati” jechuun jajan Kiriis Miins.

“Eda halkan, namni kun balaa isa mudatu osoo beeku shororkeessaarraa qawwee butuun gootummaan agarsiise shakkii tokko malee lubbuu hedduu baraare.

“Isa bira dhaqee yeroon isa waliin dabarsuu fi galata uummata Niiw Saawuz Weels dabarsuuf kabajatu natti dhagahama.

“Gootummaan Ahmad osoo mul’achuu baatee lubbuu heddutu darba” jedhan bulchaan Niiw Saawuz Weels.

Ahmad al Ahmad beekumsa loltummaa fi hidhannoo qawwee hin qabu. Bakka taatee kanatti dhiyoo jirutti suuqa (dunkaana) kuduraa fi muduraa itti gurguratu irraa balaa uumame kana arguun birmatee seenaa dalage.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *