Gosti haaraan Homo erectus jedhamu, gosa Homo erectus isa kanaan dura beekamu irraa adda ta’e, naannoo Affaaritti argame.
OFM:Muddee.17/2025.Qorannoo Arkiyooloojii Goonaa, eyyama Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee Itiyoophiyaatiin qorannoo gaggeessuun gosa Homo erectus jedham mataa fi fuula isaa erga qoratee booda,odeeffannoo haaraa argachuu isaa beeysise.
Eeyyama Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee Itiyoophiyaatiin qorannoo gaggeessaa kan jiru Qorannoo Arkiyooloojii Goonaa, gosa Homo erectus jedhamu kan kanaan dura naannoo Affaaritti argame mataa fi fuula isaa erga qoratee booda, sochii sanyii namaa jalqabaa Afrikaa irraa gara Awurooppaa fi Eeshiyaatti taasifamu ilaalchisee odeeffannoo haaraa argachuu isaa beeysiseera.
Qorannoon kun qorattoota olaanoo Jiddugala Qorannoo Ka’umsa Namaa Dr. Seleshi Saamii fi Dr. Maayikeel Roojarsiin kan gaggeeffame yoo ta’u, bu’aan qorannoo fi argannoo kanaan dura bara 2020 gaggeeffame irraa adda ta’uu ibsameera.
Dr. Seleshi akkasumas qorannoo paleoanthropological bara 2020tti Science Advances irratti maxxanfame irratti hundaa’uun gosti namaa waggaa miliyoona 1.5 kan Homo erectus jedhamu kanaan dura naannoo Affaaritti argamuu isaa ibsaniiru.
Dr. Seleshi itti dabaluudhaan qorannoon ammaa kun teknooloojii vaartuwaliitiin kan deeggaramee fi kan duraan Gonaatti argameen wal bira qabamee yoo ilaalamu mataa, fuulaafi ilkaan guutuu ta’e isa jalqabaa ta’uu ibsaniiru.
Akka qorannichaatti mataa fi fuulli argannoo kanaa waggaa 300,000 akka ta’u tilmaamameera, kunis gara waggaa miliyoona 1.8 kan ta’u yoo ta’u, kunis warra jalqaba Afrikaa gadhiisanii gara Eeshiyaa fi Awurooppaatti godaananii wajjin wal fakkaata jedhan Dr. Seleshi.
Itti dabaluunis argannoon kun qorannoodhaan mirkanaa’uun isaa turizimi Itiyoophiyaa keessatti haaromsuu fi bakka dhaloota dhala namaa ta’uun isaaf ragaa ta’uu ibsaniiru.
Naannoo Affaar bakka arkiyooloojii Goonaa keessatti mataa fi fuulli namaa umrii waggaa miliyeena 1.5 tahu argame. Argannoon kun mata duree Bu’aa Qorannoo Pirojektii Goonaa jedhuun barruu “Nature Communications” jedhamurratti kan maxxanfame yoo ta’u, Itiyoophiyaan bakka hangafaa fi argama sanyii dhala namaa akka taate himama.
Qorataan olaanaa fi saayintistiin Giddugala Ka’umsa Namaa Ispeen, Dr.Seleshi Sami akka jedhanitti, argannoon kun waggaa miliyoona 1.5 akka ta’u tilmaamameera. Gosa Homo erektas kan Baha Afrikaa keessatti beekamu waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu bifa guutuu qaba.
Dr. Seleshiin ibsa isaanii itti fufuun akaakayyuu sanyii namaa kan ta’e Homo erektas qubsumti isaa Afrikaa keessaa akka tahe mirkaneessa jedhan.
Bu’aan qorannichaa akka agarsiisutti, bifti fuula guutuun gargaarsa teeknooloojii irra deebiin ijaaruu vaartuwaliitiin kan mul’ate ta’uu ibsameera.
Afrikaa keessatti kan argame gosa argannoo isa jalqabaa ta’uu ibsuun, ilkaan dabalatee mataa guutuu fi lafee fuulaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Fuula mataan kun kan namoota jalqabaa Afrikaa irraa gara Awurooppaa fi Eeshiyaatti godaananii wajjin wal fakkaata, umriin waggaa miiliyoona 1.8 fi waggaa kuma 300 akka ta’u tilmaamameera.
Kunis yaada ilmaan namootaa jalqabaa Eeshiyaa irraa gara Afrikaatti godaanan jedhu kan mormudha jedhan.
Argannoon kun yaada argamni Homo erektas Afrikaa keessa jedhuu fi yaada Itiyoophiyaan bakka argama dhala namaa jedhu kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
Argannoon kun odeeffannoo haaraa waa’ee sochii ilmaan namootaa durii Afrikaa irraa gara ardiilee adda addaatti fi itti fayyadama meeshaalee dhagaa Oldowan fi Acheulian jedhamuun beekaman akka ta’e dubbataniiru.
Meeshaaleen dhagaa kanaa Homo erectus waliin argamuun isaanii qorannoo arkiyooloojii keessatti baay’ee kan hin argamne yoo ta’u, argannoon Gona dinqisiisaa taasiseera.
Hojiin irra deebiin ijaaruu dhugaa (virtual reconstruction) waggaa tokkoo ol kan fudhate yoo ta’u, mataa fi fuulli argame kan gosoota namaa jalqabaa kanneen biroo umuriin isaanii walfakkaataa ta’e caalaa xiqqaa yoo ta’u, qorannoon kun gosoota namaa jalqabaa Homo habilas jedhamuun beekaman kan waggoota 300,000 dura jiraatan waliin walfakkeenna argateera.
Pirojektiin Qorannoo Paleoanthropology Gona meeshaalee dhagaa addunyaa irratti dullooman, waggoota miliyoona 2.6 dura kan hojjetaman, akkasumas fossilii namaa kan durii “Ardipithecus ramidus” jedhamu waggoota miliyoona 4.4 dura ture.
Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa
Barruuwwan saayinsii idil-addunyaa adda addaa keessatti argachuu isaa beeysise.
