Tiraampii fi kantiibaan Niwu Yoork Zoohraan Mamdaanii walitti dhaadataa turan Waayiit Haawusitti wal-arguun mari’atan.
OFM:SADAASA.22/2025.Zoohraan Mamdaanii yeroo kantiibaa magaalaa Niwu Yoork ta’uuf duula na filadhaa gaggeessu, nama siyaasa ‘sooshaalistii’ gaggeessu, Donaald Tiraamp finxaalessa jechuun itti dhaadataa turan.
Jalqaba ji’a kanaa kantiibaa Niwu Yoork ta’uun kan filame Zoohraan Mamdaanii guyyaa filannoo mo’ate haasaa taasiseen, Tiraamp “abbaa irree” jechuun dubbiin tuqe.
Amma garuu lamaansaanituu dubbii qabbaneessanii Waayit Haawusitti wal-arguun mariyachuufi waliin hojjachuuf walii galuusaanii ibsan.
Tiraamp fi Zoohraan Jimaata, Sadaasa 21 wal-arguu isaanii dura dubbi himtuun Tiraamp Karolaayiin Liivit daawwannaa Zoohraan kana “(namichi) komunistiin sun Waayit Haawus ni dhufa” jechuun ibsitee turte.
Zoohraan Waayit Haawusitti Tiraamp waliin wal-arguun yeroo mari’atan garuu lamaan isaaniirraayuu miira tasgabbiitu mul’ata.
Isa duraan quba walitti qabaafi dubbiin wal-waraanaa turan, garaa garummaa qabaatanis, magaalaa Niwu Yoorkiif waliin hojjachuu akka barbaadan dubbatan.
Lamaanuu kokkolfaa akkaataan isaan itti wal-simatan namoota siyaasaa biyyattiifu gaaffii ture. Namoonni heddu muddamni lamaansaanii jidduu ture ittuma fufa jedhanii yaadan.
Garuu “dubbiin kanaan faallaadha”Isaan tasgabbiin waan irratti walii galan irratti, keessumaa rakkoo qaala’iinsa magaalaa Niwu Yoork furuuf, waliin hojjachuu akka barbaadan ibsan.
Zoohraan Mamdaanii Amajjii 01/2026 irraa kaasuun ifatti kantiibaa Niwu Yoork ta’ee hojii eegala.
Tiraamp akka yeroo kaanii Zoohraan dubbiin waraanuu hin barbaanne. Inumaayyuu ni jajan.
“Kantiibaa cimaa akka taatu nan amana” jechuun, “hojii gaarii akka hojjattu shakkii hin qabu” jechuun Zohraanif carraa gaarii hawwaniif Pireezidaanti Tiraamp.
