Maanchister Siitiin waancaa kilaboota Addunyaa irratti tapha jalqabaasaa ni taphata.

OFM:Waxabajjii.18/2025-Garee 7 keessatti kan ramadame Maanchister Siitiin, galgala sa’aatii 1:00 irratti bakka bu’aa Afrikaa Waayidaad Kaazaabilaankaa waliin taphata.

Jijjiirraan tapahattootaa erga eegalamee booda taphattoota hedduu kan mallatteessise Maanchister Siitiin, taphasaa jalqabaa kilabii Morookoo waliin taphatu kanaan, taphattoota urjiiwwan garichaa haaraa akka argu himamaa jira.

Ramaddii garee 8 keessa kan jiru Riyaal Maadriid kilabii Sa’udii Arabiyaa Al-Hilaal waliin taphata.

Ramaddiidhuma garee kanaa keessa kan jiru kilbiin Meeksiikoo Paachukaan kilabii Oostiriyaa Reed Buul Saalizbarg waliin halkan sa’aatii 7:00tti ni taphata.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *