Dhaabbanni Basaasa Jiddugaleessaa Ameerikaa (CIA) fi hoggantoonni biyyattii mootummaan Iraan akka eegametti kufaa hin jiru jedhan!
OFM:Bitootessa.13/2026.Dhaabbanni Baasaasa Ameerikaa (CIA)fi hoggantoonni biyyattii akka jedhanitti Muutummaan Iraan akka yaadame kufaa hin jiru, Iraan humni isii hanga nuhi tilmaamne ol ta’eera jedhan.
Haleellaa Iraan kaluu kana raawwatteefi dandeettii isii qabatamaa jiru hanga yaadamee ol ta’u Manni marii ittisaa Ameerikaa Peentaagoon ifoomseera.
Waraanni Ameerikaa fi Israa’eel Iraan irratti banan baasii Doolaaraa biiliyoona guddaa fi lubbuu namoota hedduu kan galaafate ta’us, mootummaa Iraan ammayyuu kuffisuu akka hin danda’amne gabaafame.
Jiddugalli tajaajilli odeeffannoo iccitii (intelligence) baasaasa Yuunayitid Isteets akka madaaletti, mootummaan Iraan yeroo ammaa kana akka balaa kufuu jala hin jirree fi ammayyuu biyyattii cimsanii qabanii akka jiran mirkanaa’eera.
Ameerikaan kanaan dura miidhaa Iraan irraa isii muudatu xiqqeessitee (downplay) ibsaa turte.
Garuu miilana haleellaa misaa’ela balastikii fi diroonii Iraan irraa dhufeen, buufatawwan waraanaa Ameerikaa (Qataar, Bahireeyn fi UAE) keessatti miidhaan “unprecedented” kan kanaan dura hin muudatee hin beeyne geessisaa jiraachuu Waajjirri Ittisa Ameerikaa (Pentagon) mirkaneesseera.
Pireezidaant Donald Trump ibsa kennaniin, Iraan biyya dandeettii humna waraanaa cimaa qabduudha, Hangan ta’a jennee hin yaadne! Hubataniittu garuu? Iraan yeroo ammaa kanayyuu miidhaa geessisaa jirti! Kanaa ol akka cimtuuf isiif hayyamuu hin qabnu jedhan.
Itti dabaluudhaanis Pireezidaanti Donaald Tiraampi “Ani Iraanoota nan jaalladha, seenaa guddaa qabu, qabeenna qabu, garuu Muutummaan isaanii qabeenna Uummataa garee Shororkeessitootaaf kennee Ummata rakkisaa jira; iraanonni Abbaa qabeennaa akka ta’an nan fedha garuu akka meeshaalee waraanaa Niwukileraa qabaatan hin hayyamu jedhanii jiru.
Gabaasni yeroo dhiyoo Peentaagoon irraa bahe akka agarsiisutti, kanaan dura miidhaa Iraan geessistu xiqqeessanii ibsuun ture.
Haa tahu malee wayita ammaa garuu miidhaan Iraan meeshaalee waraanaa fi bu’uuraalee barbada’an (bases) Ameerikaa fi Israa’eel irratti geessiste gama maraanuu kan hin eegamne ta’uu amamaniiru.
