Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa hayyamaa Addis standard haqe.

OFM:Gurraandhala.24/2026.Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa waraqaa hayyamaa websaayitii Addis standard ALI Guraandhala 17/2018 haquu ibsa baaseen ibse.

Abbaan taayitichaa “Addis standard gabaasawwan naamusa miidiyaa, seerota Itiyoophiyaa fi faayidaa biyyaalessaa biyyaa fi uummataa balaarraa buusaa jira” jedheera.

Hojiin kun ammoo hordoffiidhaan kan mirkanaayee fi eeruu hedduudhaan komiin irratti ka’aa kan ture jedha abbaan taayitaa miiidiyaa Itiyoophiyaa ibsa baaseen.

Sirreeffama akka godhuufis akeekkachiisni fi gorsi irra deddeebiin kennamuufiis ibse.

Sababaa kanaan, Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa ALI Gurraandhala 17/2018 irraa kaasee Galmee hayyamaa “Addis Standard” haquu fi hayyama miidiyaa fi beekkamtii tokkollee akka hin qabne ibsa baaseen beeysiseera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *