Cheelsiin Liivarpuulirraa beenyaa akka barbaadu ibse.

OFM:Hagayya.27/2025-Cheesliin taphataa akkaadaamii isaa kan ture Riyoo Nigoomohaan irratti beenyaa Liivarpuul gaafate.

Waggaa 8 qabee akkaadaamii Cheelsii keessatti kan dabrse Riyoo Nigoomohaan bara walmorkii darbe bilisaan Liivarpuulitti makamuun isaa ni yaadatama.

Taphataan ganna 16 kuni tibbana gahumsa inni Liivarpuul keessatti agarsiisaa jiruun inaaffaa keessa kan gale Cheelsiin beenyaa akka isaa kaffalu gaafataa jira.

Cheelsiin Liivarpuul komii isaa kanaaf deebii sirrii kan hin laanne yoo ta’e 2ffaa hariiroo jijjiirraa taphattootaa kilaboota lamaanii dhiibbaa keessa akka galu beeysise jechuun Daily Mail gabaaseera.

Gara liivarpuul osoo hin dhufin dura akkadaamii Maanchistar yuunaayitidis yeroo murtaayeef kan ture, Riyoo Nigoomohaan yeroo mana liivarpuulitti dabarsaa jiru garuu kan daandii milkaayinatti isa geessu fakkaata.

Riyoo Nigoomohaan torbee 2ffaa pirimeerliigii Ingilaandiin Liivarpuuliifi Niwukaastil waliin morkatan irratti jijjiiramee galee galchii Livarpuuliif qabxii murteessituu 3 argamsiiste lakkoofsisuun ijoo miidiyaalee ta’uun isaa kan yaadatamuudha.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…

https://oromiafreedommedia.org

https://t.me/oromiafreedommedia

https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *