US haleellaa Israa’el Kaataritti raawwatteetti hin gammanne’ jette.

OFM:Fulbaana.10/2025-Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp haleellaa qilleensaa Israa’el Kaatar irratti raawwatte ilaalchisee ” itti hin gammanne” jechuun ibsan.

Haleellaan kun ”kaayyoo Israa’eel ykn Ameerikaa kan tarkaanfachiisus miti” jedhan.

”Kun murtee MM (sraa’el) Netaaniyaahuun murteesse ture, murtee ani murteesse hin turre,” akkasumallee akka waraana Ameerikatti hin himamne ibsuun, garuu ”waan nama dhibu, haleellaa kana dhaabuuf yeroon isaa darbeera” jedhan.

Waldhabdeen kun haala kanaan dura hin argamneen hammaachuu hordofees yaaddoon waraanaa addunyaa irratti dabaleera.

MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun haleellaan kun hoggantoota sadarkaa ol’aanaa Hamaas kanneen haleellaa Onkoloolessa 7/2023 Israa’el irratti raawwatame kan waraana Gaazaa jalqabsiiseef itti gaafatamummaa qaban irratti xiyyeeffate jechuun ibsan

Gareen Hamaas kun haleellaa qilleensaa Israa’el magaalaa guddoo Kaatar keessatti raawwateen miseensonni isaa ja’a du’uu isaanii ibsuun, garuu garee marii isaanii ajjeesuuf yaaliin godhame ”fashalaa’uu” himan.

Kaatar tarkaanfii Israa’el kana, ”abshaalummaa” fi ”seera idil-addunyaa ifatti kan cabsuu” jechuun balaaleffatte.

Kaatar marii kallattii fi al-kallattiin Hamaas fi Israa’el jidduutti taasifamu irratti Ameerikaa fi Masrii waliin jaarsummaa taa’aa turte.

Haleellaa sanaan ”gamoowwan mana jireennaa miseensota Biiroo Siyaasaa Hamaas hedduu keessa jiraatan” irratti kan xiyyeeffate ta’uu qondaaltonni Kaatar himaniiru.

Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) fi tajaajilli nageenna ”haleellaa sirrii hoggansa ol’aanaa Hamaas irratti xiyyeeffate” raawwachuu ibse.

Boodarra, Netaaniyahuu fi Ministirri Ittisaa Israa’el Katz akka ibsanitti, humnoonni nageennaa Israa’el “haleellaa lubbuu namaa galaafatu Yerusaalem fi Gaazaa keessatti raawwatameen booda” haleellaa raawwatamuu danda’uuf akka qophaa’an qajeelfamni kennameera jedhan.

Kunis du’a lammiilee Israa’el jaha hidhattoota Falasxiinota lamaatiin buufata konkolaataa Yerusaalemitti argamutti fi du’a loltoota Israa’el afur haleellaa kaampii waraanaa magaalaa Gaazaa irratti raawwatame eeruudhaan.

Ibsi Hamaas irraa ba’e haleellaa Israa’el “yakka fokkisaa, weerara ifa ta’ee fi seeraa fi seera idil-addunyaa ifatti cabsuu” jechuun balaaleffate.

“Diinni jila marii keessatti obboloota keenna ajjeesuu akka dadhabe mirkaneessina” jechuun ibseera.

Gareen kun miseensota shan ajjeefaman jedhe adda baaseera, isaan keessaa Humaam ilma Khalil al-Hayyaa fi Jihaad Labad kan waajjira Hayya qajeelchu dabalatee ta’uu eere.

Kunis du’a lammiilee Israa’el jaha hidhattoota Falasxiinota lamaatiin buufata konkolaataa Yerusaalemitti argamutti fi du’a loltoota Israa’el afur haleellaa kaampii waraanaa magaalaa Gaazaa irratti raawwatame eeruudhaan.

Hamaas deeggarsa waraana Israa’el irraa kan ka’e bulchiinsa Ameerikaa haleellaa kanaaf ”ittigaafatamummaa waloo” akka fudhatus ibseera.

“Kaatar, biyya walabummaa qabduu fi michuu dhiyoo Ameerikaa cimtuu taatee hojjetaa jirtuu fi nageenna buusuuf jarsummaa taa’aa jirtu keessatti boombii darbachuun Israa’el ykn kaayyoo Ameerikaa hin gargaaru,” jedhu waayit Hawus ibsa baasen.

Mootummaan kaatar gocha Israa’el kana irratti aarii guddaa akka qabu ibsuun, “Haleellaan yakkaa kun tumaa fi seera idil-addunyaa hunda ifatti kan cabsu yoo ta’u, nageenna lammiilee Kaatarii fi jiraattota Kaatar irrattis balaa guddaa fida” jedhe.

Biyyootni Arabaa biroos haleellaa kana ilaalchisuun ibsa aarii qabu kan baasaa jiran yoo ta’u, Sa’udiin ”weerara gara jabeessa Israa’el” jettee waamuun balaaleffatteetti.

Barreessaan ol’aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antoonii Guuteres haleelicha qeequun, ”abbaa biyyummaa fi qulqullina naannoo Kaatar ifatti sarbuudha” jechuun ibsaniiru.

Kaatar ”dhukaasa dhaabuu fi namoota booji’aman hundi akka gadhiifaman barbaaduu keessatti gahee baay’ee gaarii taphataa akka turte ibsuun,” itti dabaluudhaanis: “Qaamoleen hundi dhukaasa dhaabbataa dhaabuuf carraaquu qabu malee xiqqeessuu hin qaban.”jedhan.

Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon haleellichi ”sababni isaa maal iyyuu yoo ta’e fudhatama hin qabu” jechuun yaada kan kennan yoo ta’u, MM UK Sir Keyir Starmer ammoo ”haalli nageenni naannicha keessatti daran hammaachuu” akka danda’u akeekkachiisuun namoota ugguraman gadhiifamuufi Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatu gaafataniiru.

Maatii namoota 48 butamanii ammallee Gaazaatti hidhamanii fi isaan keessaa 20 lubbuun jiru jedhamee yaadameef oduun kun yaaddoo haaraa kaasera.

Hogganaan paartii mormituu Israa’el Yahir Lapid yaaddoo maatii kanaaf tumsa qaban ibsaniiru.

Yeroo kanatti mootummaan Israa’el akkamitti du’a namoota butamanii akka geessisuu fi hin geessifne qulqulleeffachuu dadhabe jechuun gaafatan

Katz hoggantoota Hamaas yoo namoota butaman sanneen gadhiisuu fi hidhannoo hiikkachuu baate ”akka balleessan”, Gaazaan ammoo ”ni balleeffamti” jechuun akeekkachiiseera.

Netaaniyaahuun gochi Israa’el Kaatar keessatti fudhatte ”waraanni akka xummuramuuf karaa saaquu” akka danda’u yaada kennan

Israa’el karoora Ameerikaa kana irratti walii galuu isii mirkaneessitee, ummanni Gaazaas akkasuma akka godhu jajjabeessitee, “Mirga keessanii fi egeree keessaniif dhaabbadhaa. Nu waliin nagaa buusaa” jechuun ibseera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *