Balaa Tiraafikaa Gujiitti muudateen namootni sadii du’an, 35 miidhaan irra gahe.
OFM:Fulbaana.13/2025-Godina Gujii seensa magaalaa Adoolaa Waayyuutti ganama har’aa Balaa konkolaataa muudateen lubbuun namoota sadii battalumatti yoo darbu, namoota 35 irratti miidhaan qaamaa balaa cimaa fi salphaan gahuu himame.
Balaan kun konkolaataa geejjiba Ummataa Nageellee irraa ka’ee gara Arsii Lixaa, Shaashamannee deemaa turerra dhaqqabuu isaa Hooggantuun Waajjira Geejjibaa Nageelle Booranaa Aadde Darmii Kormaa dubbataniiru.
Balaan kun Godina Gujii, seensa magaalaa Adoolaa Waayyuu, bakka addaa Kuchoo jedhamutti muudatuu eeruun, balaa kanaanis namootni sadii battalumatti du’uu, namoonni 16 miidhaa qaamaa cimaa fi namoota 19 irra miidhaa salphaan gahuu wajjirri Geejjiba Nageellee Booranaa himan.
Ka’umsi Taatee balaa kanaas, saffisaan konkolaachisuu akka ta’e kan himan Aadde Darmiin warri miidhaman Hospitaala Adoolaa Waayyuu fi kaanis Hospitaala Hawaasaatti yaalamaa akka jiran dubbataniiru.