Yukireenitti namoonni mindaa sooramaa fudhachuuf hiriiran 21 ajjeefaman.

OFM:Fulbaana.09/2025-Haleellaa xiyyaaraa Raashiyaan Baha Yukireenitti raawwatteen yoo xiqqqate namoonni 21 ajjeeffaman.

Namoonni haleellaa kanaan miidhaman namoota Doonesk, ollaa Yiroovaa jedhamu keessatti mindaa sooramasaanii fudhachuuf hiriiran turan.

Hogganaa bulchinsa Doonesk Vaadiyim Filaashkin akka himanitti, hojjattoonni yeroo balaa naannicha kan turan yoo ta’u, namoonni hedduun madaa’aniiru.

Yiroovaan magaalaa Isloviyaaniskitti argamtu yoo taatu, dirree waraanaa bakkaa loltoonni Raashiyaa lafa qabanitti dhiyaatti.

Haleellaan kun torbanoota dhiyoon asitti namoonni nagaa baay’een kan itti ajjeefaman keessaa tokko jechuun Miidiyaa biyyattii dabalatee BBC,NBC,aeronews,APn gabaasuurratti argamu.

Xummura Baatii Hagayyaa bara 2025tti magaalaa guddoo Yukireen Kiivitti halkan tokkotti namoonni 23 ol ajjeeefamuun kan yaadatamuudha.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…

https://oromiafreedommedia.org

https://t.me/oromiafreedommedia

https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *