Raashiyaan meeshaa waraanaa fi loltoota gara Burkina Faasootti erguuf karoora qabaachuun isii gabaafame.

OFM:Muddee.25/2025-Yaaliin fonqolcha mootummaa tibbana mootummaa biyyoota dhihaatiin deeggaramuun raawwatame hordofuun, hogganaan dargaggeessa Ibrahim Traore pireezdaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin mari’ataniiru.

Gargaarsa mootummaa Faransaayiin lakkoofsi hidhattoota biyyattii keessatti dabalaa dhufuun tasgabbii dhabuun gara jeequmsaatti jijjiiramaa jira.

Raashiyaan gaaffii tumsa Traoreen dhiheesseef deebii kennuudhaan gargaarsa waraanaa hatattamaa, meeshaa waraanaa fi deeggarsa biroo Burkina Faasootti ergaa akka jirtu miidiyaaleen gurguddoon Afrikaa adda addaa ni mul’isu.

Hogganaan Raashiyaa Puutiin pireezidaantii yeroo Burkina Faasoo Ibraahim Tiraa’ore waliin Hagayya 31, 2023 wal arganii tumsa cimaa irratti mari’achuun, wal deeggaruuf murteessuun isaanii ni beekama.

Haaluma kanaan, yeroo ammaa biyyoonni dhihaa yaaliin fonqolcha mootummaa Burukiinaa faasoo irratti gaggeessuuf hidhattoota hidhachiisuun lola taasisaa jiran dhaabuuf jecha waan barbaachisu raawwachuuf Raashiyaan qophii tahuutu himame.

Raashiyaan akkuma biyyoota ollaa keessatti deeggarsa taasisaa turte, meeshaalee waraanaa adda addaa fi dhaabbilee waraanaa dhuunfaa Raashiyaa (PMC) fi Korporeeshiniin Afrikaa (kan Wagner bakka bu’e) Burkina Faasoof

deeggarsa waraanaa gochuuf yaadaa jiraachuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

Dhimma kanarratti odeeffannoo kan kennan bakka bu’aan mootummaa Burkinaa Faasoo akka jedhanitti;

yoomiyyuu jidduu seenummaa fi ol’aantummaa alagaa biyyoota Saahel irratti hin fudhannu.

Diinagdeen keenna hayyama warra dhihaatiin akka geggeeffamu goongumaa akka hin hayyamnee fi abbaa biyyummaa biyyaalessaa, bilisummaa diinagdee fi haqaa hawaasummaa irratti araarama akka hin qabaanne ibsaniiru.

Traore gama isaatiin, “Hanga sabni kiyya dhuguma bilisa ta’utti nan falma” jedheera jechuun kan gabaase ‘Fasoo 7 TV’ dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *