Gaazexeessaan lammii Falasxiin haadha warraa fi intala isaa waliin ajjeefame.

OFM:Muddee.25/2025-Gaazexeessaan lammii Falasxiin Sa’iid Abu Hasanein haadha warraa fi intala isaa waliin haleellaa qilleensaa Israa’el magaalaa Gaazaa Deir al-Balah keessatti raawwatteen ajjeefame.

Gaazexeessaan Raadiyoo Al-Aqsaa Sa’iid Abu Hasanein haadha warraa fi intala isaa waliin dunkaanaa (Daasii) inni keessa ture haleellaa xiyyaara Israa’eeliin rukutame. Sirni awwaalcha maatii kanaa Hospitaala Wareegamtoota Al-Aqsaatti raawwatame.

Israa’el gaazexeessaa beekamaa Aljaziraa Hossam Shabat, akkasumas Al-Gul, Hamza Dahiduh, Samer Abudaqi, Rami Al-Rafa, fi Ahmed Al-Luhan ajjeesuu isii miidiyaalee addunyaatiin gabaafamuun ni yaadatama.

Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee haleellaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwatteen gaazexeessitoonni Falasxiin 210 ol ajjeefamuu isaanii Anadolu fi Middle East Monitor gabaasaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *