Raashiyaan xiyyaara imaltoota Maaleeziyaa MH17 kufeef itti gaafatamummaa fudhachuu qabdi jedha dhaabbatni aviyeeshinii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii

OFM:Caamsaa.15/2025-Dhaabbanni aviyeeshinii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii balalii Daandii Xiyyaaraa Maaleeziyaa bara 2014 Yukireen gubbaatti kuffisee imaltootaa fi hojjettoota xiyyaarichaa 298 ajjeeseef itti gaafatamummaa kan qabdu Raashiyaa ta’uu ibseera.

Xiyyaarri kun yeroo kufe lammiilee Awustiraaliyaa 38 fi lammiilee Nezerlaand

196 fe’ee kan ture yoo ta’u, mootummoonni biyyoota lamaaniis Raashiyaan taatee kanaaf itti gaafatamuu akka qabduu fi beenyaa akka kaffaltu gaafataniiru.

Haa ta’u malee, Raashiyaan xiyyaaricha kufuu keessatti hirmaannaa akka hin qabne irra deddeebiin haaltee jirti.

Dhaabbanni Siiviil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) akka jedhetti, Awustiraaliyaa fi Nezerlaand balaliin MH17 rasaasaan rukutame jechuun himatan ”dhugaa fi seera irratti kan hundaa’eedha” jedheera.

Bara 2014 Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Maaleeziyaa kufuu isaa Federeeshiniin Raashiyaa seera qilleensaa idil-addunyaa jalatti dirqama isaa bahuu hin dandeenne

jechuun dhaabbatichi ibsa baaseen beeysiseera.

Akka seera qilleensaa idil-addunyaatti yeroo waraanaa xiyyaarota waraanaa fi xiyyaara daldalaa ykn xayyaarota biroo jidduu addaan baafamuu qaba ture jedha.

ICAO aangoo dambii baasuu kan hin qabaannellee, aangoo naamusaa kan qabuu fi ulaagaalee aviyeeshinii idil-addunyaa biyyoota miseensa isaa 193n fudhatama qaban kan kaa’udha.

Ministirri Dhimma Alaa Nezerlaand Kaaspar Veeldkaamp ibsa kennaniin bara 2022 irratti himannaa banameen murtoon ICAO dhugaa mirkaneessuu fi haqa galmaan gahuuf tarkaanfii murteessaa dha

jedheera.

“Murteen kun hawaasa addunyaatiifis ergaa ifa ta’e dabarsa: Biyyoonni adabbii malee seera idil-addunyaa cabsuu hin danda’an,” jedhe.

Ministirri Dhimma Alaa Awustiraaliyaa Peenii Woong mootummaan isaanii murtee kana gammachuun akka simatu ibsuun, ICAOn beenyaa hatattamaan akka murteessu dhaamaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Andriy Tsipras murtee kana kan simatan ibsuun

”yakka kanaaf haqa deebisuuf”

tarkaanfii biraati jechuun isaanii dhagahame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *