onaalTiraamp, Ameerikaa fi Iraan walii galtee niwukilaraa irra ga’uuf ta’uu himan.
OFM:Caamsaa.15/2025-Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan haala waliigaltee niwukilaraa Ameerikaa waliin taasifte ”fudhatteetti” jedhan.
Tiraamp marii biyyoota lamaanii tibbana Dilbata xummurame ”marii cimaa” ”nagaa yeroo dheeraa” fiduu jechuun ibsaniiru.
Kanaan dura gorsaan hogganaa ol’aanaa Iraan NBC News’tti akka himanitti, Teehiraan qoqqobbiin akka irraa kaafamuuf jecha sagantaa niwukilaraa isii irratti waliigaltee uumuuf fedhii qabdi.
Ameerikaan, Iraan meeshaa niwukilaraa akka hin hojjenneef gabbisa yuuraaniyeemii dhaabuu akka qabdu cimsitee mormiti.
Iraan garuu sochiin niwukilaraa isii guutummaatti dhimma misoomaaf malee waraanaaf akka hin fayyadamne ibsiti.