Meetaan sammuu namtolchee fayyadamuun maamiltoonni isaa beeysisa akka dalagan gochuufi. OFM:Waxabajjii.04/2025-Meetaan dhuma bara 2026tti sirna sammuu namtolchee maamiltoonni isaa yeroo dhaabbata ykn oomisha isaanii beeysisan, beeysisa isaanii dhaggeeffattoota sirrii ta’aniif akka gaariitti akka xiyyeeffatan taasisu hojjetaa akka jiru beeysiseera. Dhaabbatichi yeroo ammaa fayyadamtoota sochiirra jiran biiliyoona 3.4 kan qabu yoo ta’u, sirni sammuu namtolchee hojiirra oolchaa jiru mala beeysisa duraan ture caalaa bu’a qabeessa ta’a. Yeroo kun dhugaa ta’u, maqaan daldalaa beeysisa barbaadu tokko suuraa oomishaa fi baajata beeysisa sanaaf ramadame galchuu qofa kan qabu yoo ta’u, sammuu namtolchee sun ofumaan suuraa, viidiyoo fi barreeffamoota ija namaa hawwatan oomisha sanaaf ni maddisiisa. Akka gabaasa Wall Street Journal baaseetti, Meta sirna kana fayyadamuun beeysisni kun namoota baay’ee biyyoota adda addaa keessa jiraniif haala aadaa fi fedhii isaanii wajjin walsimuun akka dhaqqabamu taasisa. Hojii gaggeessaan ol’aanaa fi abbaan qabeennaa Meetaa Maark Zuukarbarg maamiltoonni keenna sammuu namtolchee fayyadamuun hojii isaanii salphisuu akka qaban, kunis fagoo akka hin taane dubbataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *