Balaa xiyyaaraa Hindiitti dhaqqabeen baay’inni namoota du’anii 270 ol guddate. OFM:Waxabajjii.14/2025- Sababaa balaa xiyyaaraa Hindiitti tibbana muudateen lakkoofsi namoota du’anii 270 akka gahe himameera. Balaa xiyyaaraa Hindiitti erga muudatee guyyoota sadii lakkoofsise kanaan namni tokko ammoo lubbuun hafuun kan yaadatamuu dha. Namoota balaa kanaan lubbuun isaanii darbe keessaa 29 bakka balaa sanaa kan turan, ta’uu ‘’Gulf Today’’ gabaaseera. Hospiitaala Siivili Ahimadaabaad jiru irraa Dooktar Daavaal Gaameetii ‘Associated Press’’tti akka himanitti, reenfi namoota du’anii hanga ammaatti argame 270 ga’eera. Maatiiwwan namoota du’anii Hospiitaalichatti saamuda ‘DNA’ kan kennan yoo ta’ellee, bu’aan qorannichaa saa’atii 72 akka fudhatu hoggantoonni dubbataniiru. Kamisa darbe ture xiyyaarri Booyingi 787-8 jedhamuun waamamtu kaaba dhihaa Hindiitti kan argamu buufata xiyyaaraa Ahimadaabaad irraa imaltoota 242 fe’ee ka’uun gara Londonitti balali’aa ture, seekoondota muraasa keessatti kufee caccabuun lubbuu namoota hedduu galaafate.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *