Barachuuf gara Ispeen dhufuu dandeessu jette Ispeen. OFM:Waxabajjii.25/2025-Ispeen barattoota biyya alaa Tiraampiin US irraa dhoorgaman hawwachuuf seera viizaa salphifte jedhameera. Ispeen barattoota biyya alaa bulchiinsi pireezidaant Doonaald Tiraampiin gara US akka hin seenne dhoorgaman fudhachuuf qophii ta’uu isii fi viizaa qo’annoo haala salphaa ta’een akka kennitu karaa ministeera isiin beeysifteetti. Barattoonni sababa uggura viizaatiin Ameerikaatti barnoota isaanii xummuruu hin dandeenne inumaa gara Ispeenitti jijjiiramuu akka danda’an ministeerri godaantotaa ibsa baaseen beeysiseera. Viizaan kun barattoonni yeroo muraasa akka hojjetanis kan taasisu ta’uu ministeerichi beeysiseera. Tiraamp mormii barattootaa guddaa Gaazaa keessatti mirga Falasxiin deeggaruuf gaggeeffame hordofuun maallaqa qorannoo fi gibira irraa bilisa ta’uu akka kutan doorsisaniiru, Harvard dabalatee Yunivarsiiticha waliin waldhabdee keessa ture. Kunis Ispeen dabalatee biyyoonni Awurooppaa hedduun turizimii barnootaa guddisuu fi hawwachuuf carraa gaarii uumeera. Mootummaan Ispeen barattoota biyya alaa Tiraampiin Ameerikaa irraa dhoorgaman hawwachuuf seera viizaa akka salphisu beeysise.