Meetaan Sammuu Namtolchee (AI)n

uumaman ergaa Feesbuukii kan ilaallanne (spam) maddisiifame irratti Tarkaanfii fudhate.

OFM:Adoolessa.20/2025-Dhaabbanni miidiyaa hawaasaa guddaan Meta’n Feesbuukii irratti artificial intelligence (AI) uumamuun ergaa hin taane maddisiisu irratti (spam) ejjennoo cimaa fudhataa akka jiru beeysisee,

Tarkaanfiin kun muuxannoo fayyadamtootaa fooyyessuu fi nageenna waltajjichaa eeguuf kan kaayyeffateedha.

Dhiheenna kana lakkoofsi oduu sobaa, spam beeysisaafi qabiyyee fayyadamtoota gara marsariitii balaafamaa AI fayyadamanitti qajeelchu dabalaa dhufeera.

Ergaawwan spam AIn geggeeffaman kun walxaxaa ta’aa dhufuun isaanii adda baasuu fi balleessuun rakkisaa ta’a.

Ibsa Meetaan baaseen, ergaawwan spam kana bu’a qabeessa ta’een adda baasuun waltajjii kanarraa haquuf sammuu namtolchee fi sirna sadarkaa ol’aanaatti akka fayyadamu ibseera.

Kunis fayyadamtoonni Feesbuukii muuxannoo nageenna qabuu fi qabiyyee irraa bilisa ta’e akka qabaatan gargaara jedhameera.

Gareen nageennaa dhaabbatichaa sirna calaqqee amma jiru cimsuu fi teeknooloojiiwwan adda baasuu haaraa hojiirra oolchuudhaan tamsa’ina spam AIn uumamu to’achuuf hojjetaa jiraachuu beeysiseera.

Tarkaanfiin kun qaama tattaaffii waltajjiiwwan dijitaalaa balaa haleellaa saayibarii guddataa dhufe ittisuuf taasisaa jiruudha.

Murteen Meetaa kun dhaabbileen teeknooloojii qormaata sammuu namtolcheetiin dhufu qolachuuf kutannoo akka qaban agarsiisa jedhu xiinxaltoonni indaastirichaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *