Indiyaafi Biriteen waliigaltee daldalaa doolaara biiliyoona jahaa walii mallatteessan.

OFM;Adoolessa.25/2025-Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodiifi gitasaanii Biriteen Sar Kiir Staarmar waliin waliigaltee daldalaa doolaara biiliyoona jahaa mallatteessaniiru.

Waliigalteen kun Yunaayitid Kiingidam konkolaataafi alkoolii hedduu gara Hindiitti akka ergitu kan taasisu yoo ta’u, Hindiinimmoo huccuufi faaya dabalataa gara Yunaayitid Kiingidamitti akka ergitu kan taasisu ta’uu ibsameera.

Ministirri Muummee Yunaayitid Kiingidam Sar Kiir Staarmar akka dubbatanitti, waliigalteen Biriiteen mallatteessite kun erga Gamtaa Awurooppaa keessaa baatee booda waliigaltee daldalaa guddaafi bu’aa dinagdee olaanaa kan qabuudha.

Dhaabbileen Hindii Yunaayitid Kiingidam keessatti hojiisaanii babal’isaniifi dhaabbileen Biriteen Hinditti carraa daldalaa haaraa waan argataniif walii galteen kun lammiilee Biriteen kuma lamaa ol ta’aniif carraa hojii akka uumu himaniiru.

Ministirri Muummee Moodiin gamasaaniitiin, waliigaltichi badhaadhina waliin qabnuuf wixineedha jechuun leellisaniiru.Waliigaltichi huccuun, kopheen, faayiifi meeshaaleen injiinariingii Hindi akka gabaa argataniif gargaara.

Mormitoonni, waliigaltichi haala wabii hawaasummaa dheereffameen hojjettoota Biriteen hir’isuu akka danda’u akeekkachiisaniiru.

Garuu barreessaan daldalaa Biriteen Joonaataan Reynoolsi kun dogongora jedhaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *