Qotee bulaan tokko waggaa 16 seera baratee dhaabbata mootummaa mana murtii irratti injifate.
OFM:Fulbaana.15/2025-Qonnaan bulaan Chaayinaa Waang Enlin jedhamu waggoota 16f seera barachuun himata dhaabbata keemikaalaa mootummaa faalama naannootiin irratti dhiyaate injifate.
Seenaan kun fakkeenna guddaa haqa naannooti, barnoonni, ciminaan, ija jabina addunyaa jijjiiruu akka danda’u agarsiisa.
Kutaa 3ffaa qofa kan xummure Waang, bara 2001tti faalama hamaa ganda isaa bulchiinsa Heilongjiang keessatti dhaabbata mootummaa Qihua Group jedhamu argee ture.
Balfi kun oyiruu, bishaanii fi jireenna qonnaan bultootaa faaleera.
Waang rakkoo kanaaf furmaata mootummaa fi manneen murtii irraa argachuu erga dadhabee booda ofuma isaatiin seera barachuuf murteesse.
Waggaa 16f kitaaba liqeeffachuu fi mana kitaabaa gandaa keessatti dadhabbii malee barachuun of barsiisaa ture.
Dhuma irrattis bara 2017 keessa innii fi ollaan isaa dhimmicha gara mana murtiitti dhiyeessan.
Ciminaa fi qophiin Wang Enlin bu’aa kan argamsiise yoo ta’u, manni murtichaas murtii Wang fayyadu kennuudhaan dhaabbatichi beenyaa kaffalee naannoo sana akka qulqulleessu ajaja kennuun Wangin injifataa taasise jedhe kan gabaase Manahariya dha.