Haleellaa US, Pensalveeniyaatti muudateen poolisoonni ajjeefaman.

OFM:Fulbaana.18/2025-Haleellaan lubbuu poolisoota sadii galaafatee fi lama akkaan madeesse kun wayita qaamoleen nageennaa qorannoo fi sakatta’iinsa gaggeessaa turanitti raawwate jedhan aanga’oonni.

Komishinarri Poolisii Bulchiinsa Pensalveeniyaa Koloneel Kiristoofar Paris hidhattoonni dhukaasa bananiis haleellaa poolisootaan akka malee miidhamaniiru jedhan.

Haleellaan kun mana barumsaa aanaa xiqqoo jiraattota 2,500 qofa qabdu keessatti argamu yeroof cufsiiseera.

Dhukaasni magaalaa Filaadelfiyaa irraa gara lixaatti kiilomeetira 160 irratti muudate.

Yeroo dhukaasni banamu poolisoonni guyyaa lammaffaaf opiireeshinii gaggeessaa turan.

Bulchaan Pensalveeniyaa Josh Shapiro Roobii waaree booda bakka balaan itti muudate deemuun maatii namoonni jalaa ajjeefaman waliin wal-arguu miidiyaan naannawa sanaa gabaaseera.

Yaadannoo poolisoota sadan ajjeefamaniif jecha alaabaan gadi siqee akka fannifamu ajajaniiru.

Daarektarri FBI Kash Patel ejentoonni odeeffannoo wayitaawaa kennan ramadamuu ibsan.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *