Iraan addunyaa irratti biyya boba’aa gatii gadi aanaan itti gurguramu tahuun ibsame.
OFM:Muddee.19/2025.Yeroo ammaa kana Iraan gatiin boba’aa liitira tokkoof doolaara 0.03(tilmaamaan birrii 3 fi saantima 90) qofa kaffalchiisuudhaan biyya addunyaa irraa gatii salphaadhaan itti gurguramu akka taate gabaasaaleen bahan ni agrasiisu.
Ragaan Muddee 17/2025 bahe akka mul’isutti, biyyattiin lammiilee isiif deeggarsa ol’aanaa boba’aa taasiftu, gatiin isaa akka gadi bu’uuf sababa guddaa ta’uu ibsameera.
Akkuma Iraan, oomishtoonni boba’aa Veenzuweelaa, kan liitira tokkoof doolaara 0.04 (tilmaamaan birrii 5 fi saantima 20) baasu, akkasumas Kuweet, Sa’udii Arabiyaa fi Aljeeriyaa biyyoota gatii boba’aa gadi aanaa qaban keessaa tokko.
Iraan guyyoota muraasa dura caasaa gatii haaraa hojiirra oolchitee kan turte yoo ta’u, ammallee biyya gatii addunyaa irratti gadi aanaa qabdu taatee jirti.
Sirna haaraa kanaan liitirri 60 jalqabaa gatii deeggarsa baayyee gadi aanaadhaan liitira tokkoof doolaara 0.03 (birrii 3 fi saantima 90) yoo ta’u, liitirri dabalataa 100 ammoo liitira tokkoof gara doolaara 0.06 (birrii 7 fi saantima 80) gurgurama.
Lammiilee kootaa kana caalaa fayyadamaniif gatiin isaa gara doolaara 0.10 (birrii 13) akka ol guddatu ragaan ni mul’isa.
Gatiin boba’aa kun lammiilee biyyattiif boqonnaa guddaa ta’us baajata mootummaa irratti ba’aa guddaa kaa’aa jira jedhameera.
Keessattuu Itiyoophiyaa keessatti yeroo ammaa beenzilli liitira tokko gara birrii 122 fi saantima 53 (tilmaamaan Doolaara 0.94)n gurguramaa jirutti, gatiin Iraan Itoophiyaarraa dachaa 30 ol akka gadi bu’u hubachuun ni danda’ama.
Odeeffannoon kun itti dabaluudhaan gatiin boba’aa idil-addunyaa baay’ina oomisha boba’aa biyyattii, imaammata mootummaa fi garaagarummaa sharafa alaa irratti hundaa’uun garaagarummaa akka qabu eereera.
