OFM:ODUU GADDAA:Gurraandhala.09/2026

•••••••••••••••••••

Balaa bidiruu Liibiyaa muudateen daa’imman lama dabalatee namoonni 53 du’an.

Daa’imman lama dabalatee yoo xiqqaate namoonni 53 bidiruun laastikaa qarqara galaanaa Liibiyaa irratti garagaltee booda du’uun isaanii mirkanaa’eera.

Namoota 55 doonii keessa turan keessaa 53 achi buuteensaanii hin beekamne ykn kan du’an yoo ta’an, Namoota du’an keessaa ammoo daa’imman lama kan argaman tahuu isaanii gabaafameera.

Namoonni llamaa lubbuun hafan yeroo ammaa yaala hatattamaa argataa jiru.

Akka Dhaabbanni Godaantota Idil Addunyaa (IOM) jedhutti, bidiruun kun Zawiyaa irraa imala sa’aatii jahaa booda Roobii galgala sa’aatii 5tti qarqara galaanaa Zuwaraatti garagalte.

Imaltoonni kunneen godaantota biyyoota Afrikaa gara garaa irraa akka ta’an ibsameera.

Daandiin Jiddugaleessa Meditiraaniyaanii ammas kan lubbuu namaa galaafatu ta’ee jira:

1•Hanga ammaatti jalqaba bara 2026 keessa godaantonni 484 du’uun isaanii gabaafameera ykn achi buuteen isaanii dhabameera.

2•Ji’a Amajjii keessa qofa balaa hamaa haala qilleensaatiin walqabatee namoonni 375 du’uu isaanii IOM beeysiseera.

Balaan suukaneessaan kun wayita ammaa godaantonni jireenna fooyya’aa barbaaduuf imala balaa guddaa geessisan irratti gatii lubbuu guddaa isaan muudataa jiru addunyaa yaaachisee jira.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *