Ogeeyyiin Fayyaa kaffaltii madaalawaa dabalatee gaaffiileen isaan kaasan, deebii yoo hin argatin hojii akka dhaaban dubbatan.

OFM:Muddee.08/2025-Ogeessonni Fayyaa Itiyoophiyaa keessatti argaman mindaa haqa qabeessa, uwwisa inshuraansii fayyaa, fi faayidaa fooyya’aa gaafachuun miidiyaa hawaasaa irratti duula qindaawaa eegaluu isaanii maddeen gabaasan.

Doktoroota, narsoota, ispeeshalistootni fi ogeeyyii baqaqsanii hodhuu dabalatee ogeeyyiin fayyaa marsaalee miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti duula “lubbuu baraaraa turre, amma kan keenna baraaruu qabna” jedhu fayyadamuun yaaddoo fi gaaffilee isaanii kaasaa jiru.

Ogeessi fayyaa tokko, “hojjataan fayyaa qaala’insa jireennaaf saaxilamaadha. Wal’aansa ofiifillee dadhabnee kadhachuuf dirqamaa jirra jedhu.

Galiin Ogeeyyii Fayyaa dadhabbii hojii isaanii akka hin madaallee waan ta’eef sagalee dhageessisuuf sochii eegaluu dubbatu.

•Suuraa marsaa hawaasaa irraa kan fudhanneedha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *