Baarak Obaamaan, Doonaald Tiraamp addunyaa gara dirree waraanaatti jijjiiraa jiru jedhan!

OFM:Bitootessa.11/2026.Pireezidaantiin Ameerikaa duraanii Baaraak Obaamaa waldhabdee waraana Iraan waliin walqabatee uumamee fi imaammata bulchiinsa Doonaald Tiraamp ilaalchisee yaada kennuun isaanii dhaga’ame.

Sirna awwaalcha Luba Jeesii Jaaksan irratti kan argaman Baaraak Obaamaa akka jedhanitti, Doonaald Tiraamp Ameerikaa irratti mala gara jabinaa ‘finxaaleyyii, malaammaltummaa fi gowwoomsaan xuraa’e hojiirra oolchaa jira jedhan.

Pireezidaantiin duraanii kun ‘yeroo abdii qabaachuun rakkisaa ta’e keessa jiraataa jirra’ jedhaniiru.

Obaamaan Guyyaa guyyaan haleellaa haaraa dhaabbilee dimokiraasii keenna irratti raawwatamu dhageenna, yaada ol’aantummaa seeraa ilaalchisee gufuun biraa argameera, Naamusa waloo keenna balleessuuf guyyumarraa hirribarraa yeroo kaanu nutti himama jechuun hafuura baafataa wayita dubbatan dhaga’ame.

Waldhabdeen Baha Jiddu Galeessaa keessatti hammaataa dhufe kun sababa kan hin qabnee fi bu’aa mala dippilomaasii akka tasaa Tiraampii fi abbaa irree hin barbaachifne irraa kan madde ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsi Tiraamp maatii fi hiriyyoota ofii badhaadhessuuf siyaasa daldala waliin walitti makuun himatamaa ture, kunis waliigaltee qabeennaa idil-addunyaa Baha Jiddugaleessaa fi jeettii qananiin Qaatar irraa dhufe dabalatee.

Obaamaan warri aangoo irra jiran ”namoota addaan baasuuf” ”sodaa” fayyadamaa akka jiran ibsuun, lammiileen Ameerikaa tokko tokko ”kanneen kaan caalaa akka lakkaa’an” yoo ta’u, kaan ammoo ”tasumaa akka hin lakkaa’amne” akeekkachiisaniiru.

Jimaata darbe sirna awwaalchaa Chikaagootti gaggeeffame irratti haasaa beekamoo hedduu dubbatan keessaa tokko kan ta’an Obamaan dhimma biyya keessaa fi idil-addunyaa Ameerikaa irratti yaada hedduu kennaniiru.

Kanumaan walqabatee dubbi himaan Waayit Haawus Isteevan Cheeng ‘Baarak Huseen Obamaan gowwaa baay’ee dhukkubsate, gahumsa hin qabnee fi ifatti dhukkuba Tiraamp Derangement Syndrome kan sammuu isaa mancaaseen qabameedha’ jechuun

‘Daily Mail’tti himaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *