USA’n Strait of Hormuz banuu irraa gara cufuuf sodaachisuutti ceete!

Pireezidaanti Tiraamp Ibsa barreeffamaa har’a kennaniin, humni galaanaa Ameerikaa dooniin daldalaa Strait of Hormuz seenu ykn baatu kamiyyuu irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajaniiru.

US dooniiwwan waraanaa hedduu gara naannoo sanaatti erguun Strait of Hormuz cufti, taatee kanaan ammoo haleellaa misaa’ela Iraanii akka saaxilamtu taasisa jedhamee eegama.

Doonaald Tiraamp humni galaanaa Ameerikaa Daldala boba’aa addunyaatiif karaa ijoo ta’e Strait of Hormuz irratti guutummaatti “uggura waraanaa” akka kaa’an ifatti beeysisaniiru.

Murteen kun balaa nageennaa naannicha keessatti guddataa dhufe to’achuu fi dantaa biyyaalessaa Ameerikaa eeguuf kan kaayyeffate ta’uu himama.

Tarkaanfiin kun gatii boba’aa addunyaa fi dhangala’aa daldalaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda’u ogeeyyiin diinagdee yaaddoo qaban ibsaa jiru.

​Haa ta’u malee, US Strait banachuu yoo dadhabde cufuuf akka sochootu dubbatteetti.

Kunis dhangala’aa daldalaa fi boba’aa addunyaa daran kan ugguru yoo ta’u, nu dabalatee biyyoonni addunyaa yeroo rakkisaan fuulduratti isaan muudata.

Kana hordofuun biyyoonni adda addaa fi dhaabbileen idil-addunyaa walgahii hatattamaa akka gaggeeffamuuf waamicha dhiyeessaa kan jiran yoo ta’u, Baankiin Addunyaa fi IMF dhiibbaa diinagdee irratti geessisu itti dhiyeennaan hordofaa jiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *