Bulchaan Yuutaah Shakkamaa arganneerra jedhe.
OFM:Fulbaana.12/2025-Ibsi qondaltoonni Biiroo Qorannoo Federaalaa (FBI) gaazexeessitootaaf kennan irratti, bulchaan Yuutaah Ispensar Kooks akkas jedha: “shakkamaa arganneerra.”
Miseensi maatii Taayilar Roobinsan tokko hiriyyaa maatii isaa tokko qunnamuun, sana booda odeeffannoo kanaan erga qondaala poolisin gahanii booda Roobinsan taatee kana raawwachuu isaa himate ykn ibse jedhan.
Akka yaadachiisaatti, shakkamaan ajjeechaa aktivistii Ameerikaa Chaarlii Kiirk irratti raawwatameen maqaan isaa dargaggeessa waggaa 22, Taayilar Roobinsan jedhamuun adda baafameera.