Sirni awwaalchaa Obbo Maammaa Argoo Kuyyeeraatti raawwatame.
OFM:Gurraandhala.10/2026.Kaluu kana biyya Ameerikaatti du’aan addunyaa kana irraa kan godaanan reeffi obbo Maamma Argoo har’aa gara biyya fidameera.
Buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee hanga Kuyyeeraa uummanni heddumminaan bahee simate.
Sirna awwaalchaa isaanii irratti hayyoonni, namoonni bebbeekamoon, namoonni siyaasaa fi namoonni hedduun argamanii jiru.
Akkasuma simannaa Reeffa isaanii kana irratti hayyoonni, namoonni bebbeekamoon, namoonni siyaasaa fi keessummoonni hedduun argamaniii jiru.
Obbo Maammaa Argoo nama iddoo Oromoon itti walga’e irraa hin hafne, nama osoo Oromoo fi Oromiyaaf falmuu kan du’an ta’uu seenaan duurduubee isaanii ni hima.
Federeeshinii Ispoortii Oromoo Kaaba Ameerikaa OSFNA hundeessuu keessatti qooda guddaa kan qaban obbo Maammaa Argoo, tokkummaa hawaasa Oromoo Siyaatil cimsuudhaanis maqaan isaanii irra deddeebiin ka’a.
Obbo Maammaa Argoo qabsoo Oromoo jabeessuu erga bubbulanii osoo hin taane ijoollummaan itti seenanii jedhu namoonni isaan beekan.
Bara 1946 godina Arsii Lixaa Shaashamanneetti kan dhalatan obbo Maammaan, jalqaba bara 1960taa keessa waahillan isaanii waliin ta’uun naannawaa isaaniitti sochii barnoota babal’isuu jalqaban jedhan.
Sochii isaanii kanaan gandoota baadiyyaa hedduu keessatti manneen barnootaa banuu fi barsiisuu isaaniitu himama.
Kana malees biyya keessatti hojiiwwan uummata tajaajiluu guddaa hojjachuu isaaniitu ibsame.
Bara 1989 gara biyya Ameerikaatti qajeeluun Waashingitan DC kan dhaqqaban obbo Maammaa Argoo, ergasii bara 1992 gara Siyaatil deemuun Hawaasa Oromoo Siyaatil hooggansaan tajaajiluu jalqaban.
Achitti hawaasicha sadarkaa hooggansaa garaagaraatiin tajaajiluun gamatti dhuma torbanii torbanii irratti daa’imman afaan, aadaa, seenaa fi eennummaa Oromoo barsiisuu irratti hojii guddaa akka hojjatan seenaan isaanii ragaa baha.
Namni waggoota 27f hawaasa Oromoo Siyaatil otoo of hin qusannee fi nuffe hin jenne tajaajilan obbo Maammaa Argoo, OSFNA hundeessuu irraa jalqabee waggoota 25 caalaaf akka tajaajilanis seenaan isaanii hima.
Hojiiwwan tola ooltummaa fi tajaajila hawaasummaa garaagaraa magaalaa Siyaatil irrattis dammaqinaan hirmaataa turan obbo Maammaa Argoo.
Mirga namootaatiif falmuun kan beekaman obbo Maammaa Argoo bultii ijaarratanii abbaa ilmaan 5 akka turan seenaan isaanii dubbata.
