Waldhabdee Iraanii fi Ameerikaa hordofee gatiin boba’aa akka malee dabale.
OFM:Gurraandhala.25/2026.Sababaa waldhabdee Iraani fi Ameerikaatin gatiin boba’aa baati torba darbe keessatti haala ta’ee hin beekneen sadarkaa sadarkaa ol’aanaa irra ga’eera.
Akka dhaabbati oduu Rooyitars jedhutti gatiin boba’aa Jikiti barmeelli tokkoo doolaara 71.49 yoo ta’u, gatiin boba’aa Ameerikaa barmeela tokkoof %0.2 dabalee doolaara 66.42 gaheera.
Gabaasni kun akka agarsiisutti gatiin boba’aa baatii Hagayya darbe gurgurama ture irraa har’a dabaleera.
Ameerikaan Iraan sagantaa niwukilaraa ishee dhaabuu qabdi jettus Iraan meeshaa niwukilaraa oomishuuf karoora akka hin qabnee fi sagantaa niwukilaraa ishee nageenyaaf gabbistu akka hin dhaabne ibsiteetti.
Qondaalli ol’aanaa Ameerikaa tokko akka jedhanitti, Ameerikaan hojjettoota ishee Imbaasii Ameerikaa Beerut, Libaanos jiru keessaa akka bahan ajaja kennitee jirti.
Pireezidaanti Doonaald Tiraamp yoo Iraan waliigalteerra hin geenye haleellaa fudhachuuf akka duuba hin jenne ammalee akeekkachiisu hin dhaabne.
Xiinxaltootni dhimma daladalaa “Sodaa waraanaa caalaa, waldhabdeen hammaachuun isaa sababa guddaa daballii gatii boba’aa ta’uu himu.
