WBO dhimma Imaltoota 56 butamanii isatu bute jedhu qorataa akka jiruu fi bu’aa isaa ifa

akka godhus ibse.

OFM:Sadaasa.20/2025-Waraanni Bilisummaa Oromoo imaltoota Finfinnee ka’anii gara Dabra Maarqoositti imalaa turan Godina Shawaa Kaabaa aanaa Dagam keessatti butaman gabaasa jedhu qorataa jiraachuu ibse.

Waraanichi ibsa gabaabaa fuula X gubbaa kaaheen Shawaa Kaabaa naannoo Ficheetti namoota nagaa butuun raawwateera gabaasni jedhu nu dhaqqabeera, amma qorachuutti jirra” jedhe.

Qorannoo isaa wayita raawwatu bu’aa isaa ifa akka godhus Waraanni Bilisummaa Oromoo ibseera.

Imaltootni 56 Bitootessa 17 naannoo Ali Door jedhamutti haleellaan irratti raawwatamuu booda butamuun gabaafame.

Imaltootni kun garri geeffaman hin beekamnes jedhameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *