MM Dr Abiyyi Ahmad Bulchiinsi Yeroo Tigraay hanga filannoo dhufuutti akka turuu fi jijjiiramni hoggansaa jiraachuu akka malu dubbatan
OFM:Sadaasa.20/2025-Walgahii idilee Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa har’a gaggeeffame irratti argamuun ibsaa fi deebii kan kennan Muummichi Ministeera Dr Abiyyi Ahimad, naannoo Tigraayitti fooyya’insi seeraa taasifamee bulchiinsi yeroo haaraan akka hundeeffamu akeekaniiru.
Bulchiinsi kun “hanga filannoo itti aanutti hojii raawwachuu fi ummata filannoof qopheessuu irraa eegama” jedhan.
Kana malees, waggoota lamaan darbaniif namoota bulchiinsa yeroo naannichaa keessatti naannicha gaggeessaa turan irratti jijjiiramni taasifamuu akka danda’us akeekaniiru. “Namoonni cimina isaanii madaalamee jijjiiraman jiraachuu malu” jedhan.