Biyyi odola xiqqoo Kuraasaa’oon waancaa addunyaa bara 2026f darbite.
OFM:SADAASA.19/2025.Biyyi xiqqoo Kaaribiyaan Kuraasaa’oo waancaa addunyaa bara 2026 irratti bakka ishee mirkaneesseetti.
Kuraasaa’oon tapha xummuraa murteessaa irratti Jaamaayikaa cimtuu waliin 0-0n qixa ba’uun sadarkaa seena qabeessa kanarra geessee.
Bu’aan kanana garee B sadarkaa tokkoffaa xummuruun kallattiin waancaa addunyaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikootti gaggeeffamuuf darbuu danda’eera.
Lakkoofsi ummataa 185,000 qofa kan qabdu Kuraasaa’oon biyya xiqqoo waancaa addunyaaf darbite ta’uun seenaa galmeessite.
